Friday, October 23, 2015

Magaalota Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Dhiibbaan Afaan Oromoo Irratti Godhamaa Jiru Hammaachaa Akka Jiru Dargaggoo Sabboonaa Ibsaa Dhugaa Gaaffii fi Deebii SBO Waliin Taasiseen Beeksise


sbo(SBO) — Afaan, seenaa fi aadaan Oromoo walumaagalatti eenyummaan Oromummaa duula gabroomfattootni dhabamsiisuuf irratti banan irra aanee sadarkaa har’a irra gahee jiru kana irra gahuu isaatiif galanni kan gootowwan Oromoo ti. Keessumattuu Afaan Oromoo kaleessa dubbatamuudhumtuu akka cubbamaatti nama lakkoofsisuu fi Raadiyoo cabsa faa jedhamee Habashootaan irratti duulamaa ture qabsoo sabboontonni Oromoo roga hedduun gaggeessaniin ummanni Oromoo qaanii fi dhoowwaa tokko malee dubbataa, barnoonni ittiin kennamaa fi afaan hojii tahee jira.
Afaan Oromoo wareegama qabsaawota Oromootiin sadarkaa har’a irra gahe kana irraan gahamuun injifannoo galmaahe haa tahu iyyuu malee, Oromiyaa keessatti afaanicha afaan barnootaa fi afaan hojii taasisuu irratti har’ayyuu dhiibbaan diinaa kan irraa hin hafne  tahuun sirriitti hubatamaa jira. Bakkoota hedduutti Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin bakka buufamee wayta hojiin hojjetamuu fi dhimmoonni adda addaa raawwataman agarra. Gartuun mootummaa wayyaaneetiin bixxillame, ergamaan sirnichaa OPDOn, maqaaf Oromoofin dhaabbadhe haa jedhu malee har’aan tana fedhii diinnan Oromoo tiksuudhaaf hojjechuu irraa guddina Afaan Oromootiif wayta danqaa tahu mul’ata. Afaan Oromoo har’aan tana Oromiyaa keessatti sadarkaa maalii irra jira? Wanneenii fi warreen afaan saba guddaa kanaaf gufuu tahan hoo maal faa dha? dhimmoota jedhan irratti, walumaa galatti ammoo dhiibbaa Afaan Oromoo irratti godhamaa jiruu fi Afaan Amaaraan bakka buusuuf shira xaxamaa jiru ilaalchisee Oromiyaa irraa dargaggoo Ibsaa Dhugaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhe keessatti yaada bal’aa kennee jira.
Impaayera Itoophiyaa keessatti mootummaan wayyaanee maqaadhaaf naannoleen hundumtuu afaan isaaniitiin barnootaa fi hojii gaggeeffatu jechuudhaan haa labsuyyuu malee kun Oromiyaa keessatti hojii irra oolaa hin jiru. Haala qabatamaadhaan Oromiyaa keessaa mul’atuun walgahii fi waltajjiilee dhimmoota adda addaatiif jedhamanii ergamtuu sirnichaa OPDOdhaan magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti adeemsifaman irratti Afaan Oromoo afaan Amaaraatiin bakka buufamee dhimma bahamaa jira. Akka fakkeenyaatti kaasuudhaaf mariin ykn walgahiin magaalota Oromiyaa kan akka Ciroo, Shaashamannee, Adaamaa, Sululta, Sabbata, Laga xaafoo laga daadhii, Buraayyuu, Galaan, Bishooftuu, Kamisee, Darraa, Fiichee fi magaalota kanneen biroo keessattis adeemsifaman afaan Amaaraatiin tahuu dubbata dargaggoo Ibsaan. Kanatti dabalee waajjiraalee keessattis tahu dhimmoota adda addaatiif Afaan Oromoo gabaasaadhuma hojii galchuudhaaf sadarkaa barreeffamaatti dhimma bahuuf yoo taheen ala namoonni Oromiyaa keessatti hojiif guutummaa guutuutti Afaan Oromoo yoo fayyadaman hin mul’atani jedha.
Biyyattiin biyya sabootaa fi sab-lammootaa ti jedhamtee wayyaaneedhaan lallabamaa jirtu tana keessatti mirgi ummatoonni naannoo isaanii irratti afaan isaaniitiin dhimma bahuu ni tikfama jedhamee kan ololamu Oromiyaa keessatti hojii irra oolaa hin jiru. Oromiyaa keessatti Afaan Oromoo ukkaamamaa afaan saba biraa keessumaa afaan Amaaraa iddoo hojii fi barnootaatti dhimma bahamaa kan jiru yoo tahu, Afaan Oromoo garuu naannolee biyyattii biroo keessatti dhimma bahamuun hafee TV fi Raadiyoo irraa Afaan Oromoo akka hin dhaggeeffatamne iyyuu dhiibbaan taasifamaa fi akka yakkaatti ilaalamaa jira.
Oromiyaa OPDOn bulchaan jira jettu keessatti akkuma sirnoota darbanii har’a iyyuu afaan, aadaa fi seenaan Oromoo ukkaamamee akka afaan saba biraa keessumaa afaan amaaraa akka ol’aantummaa qabaatuuf hojjetama. Kun immoo kan tahaa jiruuf namoonni waajjiraalee Oromiyaa adda addaa keessa dalagaa jiran Oromoota odoo hin taane namoota Afaan Oromoo dubbachuu dandahan garuu ammoo dagaagina afaanii fi eenyummaa Oromoo hin feeneen kan guutame waan tahaniifi.
Danqaan Afaan Oromoo mudataa jiru kun mormii Maastar Pilaaniin durayyuu kan ture akka tahe kan SBOtti hime dargaggoon Oromiyaa kun, manneen barnootaa Oromiyaa keessattuu Afaan Oromoo bifa adda addaatiin afaan amaaraatiin bakka buufamaa jiraachuus saaxileera.
OPDOn wanta afaan, aadaa fi eenyummaa Oromoo calaqqisuu fi dagaagsu gadi qabuu fi ukkaamsuudhaan dantaa siyaasaa gooftolii isaa Wayyaanotaa tiksuuf hojjeta malee eenyummaa Oromoof dhimmaa hin jiru kan jedhu dargaggoo Ibsaa Dhugaa, kana ammoo gaaf eebba kitaabota Afaan Oromoo, ayyaana Irreechaa fi sagantaalee adda addaa irratti wayta Afaan Oromootiin sirboonni aadaa Oromoo sirbaman OPDOn kan TV fi Raadiyootti dhiyeessu yoo gulaalamanii kan dantaa wayyaanee tuqu keessaa hambifame ykn kan siyaasaa OPDO lallabu yoo tahe qofaa dha. Yookaan ammoo namoonni sirba sana sirban warreen Afaan Oromoo hin dandeenye kan afaanicha baran yoo tahanii fi wallisichi yoo miseensa OPDO tahee akka isaan barbaadanitti sirbeef qofaa dha kan isaan sirba sana miidiyaatti dabarsuudhaaf eyyaman jedha.
Itti dabaluunis galma aadaa Oromoo jedhamee kan Finfinneetti ijaarame keessattis namoonni sabboontota Oromoo tahan akka isaan aadaa fi seenaa waliigalatti eenyummaa Oromummaa achi keessatti calaqqisanii fi guddisuudhaaf hojjetaniif hin eyyamamuuf. Kunis sirnichi irra keessa fakkeessuudhaaf malee dhuguma aadaa fi Afaan Oromoo guddisuuf akka galmicha hin ijaarre agarsiisa.
Fakkeenyaaf Sagantaan walliisaa Oromoo Sayyoo Dandanaatiif galii walitti sassaabuuf dhiyoo kana gaggeeffame akka galma aadaa Oromoo keessatti tahuuf gaaffiin dhiyaatee OPDOn diduudhaan akka waltajjii aadaa Finfinnee kan afaan amaaraatiin “Ye Addis Ababaa Mahil Addaaraash” jedhamu keessatti akka tahu taasifame. Dhuguma galmichi yoo aadaa fi Afaan Oromootiif ijaarame tahe maaliif wayta ilmaan Oromoo dhimma aartii fi artiistota Oromoo ilaallatu gaggeessuuf yaalan dhoowwaman kan jedhu eenyummaa dhaaba jalee kanaa kan ibsuu dha.
Karaa kaaniin ammoo magaalota Oromiyaa Kaabaa-Kibba, Bahaa-Dhiha jiran keessatti ilmaan Oromoo wayyaa fi faaya aadaa Oromoo uffatan akka dhiphootti ilaalamu. Dabballoonni OPDO kan maqaaf aadaa Oromoo guddisna jedhan wayta ummatichi uffannaa fi mallattoolee aadaa fi eenyummaa isaa calaqqisan uffatee fi kaasseeta Afaan Oromoo dhaggeeffate akka yakkamaatti lakkaawu.
OPDOn akkuma sirnoonni kaleessaa gochaa turan Oromoon akka eenyummaa isaatti qaana’uu fi eenyummaa alagaatiin dhaalamuuf hojjechaa jiru. Kun diinummaa hundaan olii ti. Ummata Oromoo ololaan afanfajeessanii sirna isaanii cinaa hiriirsudhaafi malee OPDOn seenaa, aadaa fi Afaan Oromoo dagaagsuudhaaf dhimmee hojjetee hin beeku kan jedhu dargaggoo Ibsaan, dhalataan Oromoo keessumaa dhaloonni Qubee (Qubee Generation) tokkoon isaayyuu diinaaf gowwoomaa hin jiru. Dammaqiinsi dargaggoota Oromoo akka biyyattiitti mitii akkuma Baha Afrikaattuu eenyuyyuu caalaa guddaa ta’uu ibse.
Wanti Impaayera Itoophiyaa keessatti hojjetamu akka dantaa gabroomfattootaa tiksu taasisuuf malee Oromoof dhimmuuf tahee hin beeku. Fakkeenyaaf artiistonni Oromoo wayta qophii tokko irratti sagantaa qopheeffatan yoo dantaa isaanii lallabaniif, isaan faarsan malee hin eyyamaniif, ni danqu. Artiistonni Oromoo ammoo irra hedduun jechuutu dandahama kanneen saba isaaniif dhimman waan tahaniif wayyaanee fi OPDOf hin hojjetan. Rakkatanis, danqamanis harka hin kennatan. Kan harka kennanii OPDOf waa hojjetanis yoo tahe, akkuma gargalchi waaqaa miilli mataa hooqa jedhan san tahee warreenuma kanaan dura guddina aadaa fi Afaan Oromootiif hojjetaa bahan keessaa isaan muraasa.
Artiistoonni Oromoo biyya jiran keessumaa dhaloonni ammaa garuu hojii farra Oromoo tahe keessaa hin qaban, kutannoodhaan aartii, aadaa fi Afaan Oromoo dagaagsuuf hojjechaa jiru malee, ergama diinaa fi lukkeelee fudhatanii jala fiiguu fi kan isaanii lallabuutti ni qaana’u, tole hin jedhan jechuun sabboonummaa artistoota Oromoo ragaa baheera dargaggoon Oromoo dhimmicha irratti SBOf yaada laate.
Fakkeenyaaf Irreecha Malkaa Ateetee irratti artiistota Oromoo qophii dhiyeessuuf eyyama argatanii sagantaa xumurataniin OPDOnni nu jala galaatii nuuf sirbaa qarshii 5000 mata mataatti isinii laanna jechuudhaan wayta kadhatanitti artiistonni Oromoo qophii keenya irratti isin hin faarsinu hafu maallaqni keessan hafa malee jechuudhaan diddaa mul’isan; OPDOnnis kanatti aaruun eeyyama dhoowwatan. Egaa kun kan agarsiisu biyyattii sana keessatti afaan, aadaa fi seenaa Oromoo guddisuu fi mul’isuudhaaf hojjechuun fedhii fi tattaaffii sabboontota Oromoo tahus kuni akka hin taane ammoo warreen diinaaf ergaman maqaaf Oromoof dhaabbanne jedhaniin danqaan guddaan uumamaa jiraachuu isaa ti. OPDOn ummataa fi artistota Oromoo birattis jibba waan qabaniif yeroo isaan akka aadaa, seenaa fi Afaan Oromoo irratti hacuuccaa geessisan ifatti argama.
Ummanni Oromoo yeroon itti gabroomfattootaaf tole jedhee jilbeenfate hin jiru. Ummanni Oromoo shira bittootaan gosaan, lagaan, amantii fi wantoota adda addaatiin akka gargar qoqqoodamuuf hojjetamus jabinaan dura dhaabbatee tokkummaa isaa akkuma eeggatetti jira. Dhaloonni haaraan biyya keessa jirus falmaa fi fincila wayyaanee irratti gaggeessaa jiru tokkummaa Oromummaatiin adeemsisaa jira. Hawaasni Oromo biyyoota alaa adda addaa keessa jiraatu Tokkummaa Oromummaa ummanni Oromoo biyya keessaa hacuuccaa diinaa jala jiru jabeeffatee irree tokkoon falmaa gaggeesaa jiru kana fakkeenya taasifatuu qabu.
Waan taheef, ummanni keenya ala jiraatu hiriira nagaa fi bifa adda addaatiin hawaasa addunyaatti iyyachuudhaan, wayta diinni lammii Oromoo hidhu maatii isaanii biyya keessatti gargaaruu, abukaatoo bitee falamsiisuun, hamilee fi deeggarsa bifa adda addaatiin qabsicha cinaa dhaabbachuun falmaa mirga abbaa biyyummaa Ummatni Oromoo gaggeessaa jiru cinaa akka dhaabbatan dargaggoo Ibsaa Dhugaa gadi jabeessee gaafateera.
Yakki amma Maastar Pilaanii Finfinneetiin walqabatee Oromoo irratti raawwatamaa jiru harka muraa fi harma muraa Aanoleetiin adda baafamee hin ilaalamu. Dhaloonni haaraan ammoo yakka kana wareegama barbaachisu hunda baasee dhaabsisuu fi mirga Oromoo tiksuuf qophaawaa dha; falmaattis jira.  Waan taheef ummanni Oromoo biyya keessaa fi ala jiru tokkummaadhaan harka walqabatee sa’aatii diinaaf dhumatte tana keessatti falmaa caalaatti finiinsuudhaan bilisummaa fi walabummaa isaa mirkaneeffachuuf  akka duulu dhaammateera dargaggoo Ibsaa Dhugaa gaaffii fi deebii Sagalee Bilisummaa Oromo (SBO) waliin taasise keessatti.
Gaaffii fi deebii Dargaggoo Ibsaa Dhugaa waliin taasisame sagantaa SBO Dilbata dhufu Onkoloolessa 25,2015 tamsa’u keessatti akka caqastan kabajaa waliin isin beeksisna.
Sagalee Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 23,2015

No comments:

Post a Comment