Sunday, October 25, 2015

Humni Tikaa Wayyaanee Barataa Qaroo fi Sabboonaa Tarreessaa Safaraa Yuuniversitii Mattuu Keessatti Ajjeessuun Gabaafame.

Oduu Qeerroo | Onkoloolessa/October 25, 2015
Yeroo adda-addaatti hidhaa keessatti dararamaa kan ture barataa Tarreessaa Safaraa Onkololessa 23, 2015 galgala mooraa Yunivarsiitii Mattuu keessatti ajjeefamuun gabaafame.
tarreessaa-safara_ngabaasaa keenyaa akka himetti, barataan kun yeroo hedduu humnoota tikaatiin hordofamaa ture.
Hiriyyoota isaattis, akka hordofamaa jiru himaa ture.
Tarreessaan eenyuu?
Barataa Tarreessaa Safaraa bara 1999 utuu barnoota idileerra barataa kutaa 11 ta’ee jiruu yakka shororkeessummaan himatamee murteen waggaa 10 itti murtaa’e. Kanumaan mana hidhaa Maa’ikelaawwii, Qaallittii, Qilinxoo fi Zuwaayitti jijjiiramee hidhamaa ture.
Haa taúuii barataan kun yeroo hidhaa keessa turetti, hidhaa fi roorroof otuu hin jilbeenfanne, hiree argametti dhimma bahee beekumsaa fi dandeettii isaa aguddifachaa ture.
Wayita mana hidhaa turettis tattaaffii inni dubbisee waa barachuuf godhaa ture namooti hedduu dinqisiifachaa akka turan hiriyooti isaa ragaa bahu.
Turtii waggaa jahaa fi ji’a saddetii booda mana hidhaati bahee barnoota isaa bara 2007 xumuruun bara kana Yuniversiitii Mattuutti ramadamee ture; akkanaan barnootatti deebi’uun hawwiisaa galmaan gahachuuf carraaqqii godheen Yunivarsiitii Mattuu muummee Injiinariingii seene.
Tarreessaa Eenyutu ajjeesee?
Oduun caasaa mootummaa ifaa facaafamaa jiru, tarreessaan of-ajjeese kan jedhuudha. Haa ta’uutii, Tarreessan sababa of ajjeesuuf akka hin qabne, kanneen itti dhiyaatan ragaa dha. “Tarreessaan of-ajjeese jedhamee himamaa jira; kun waan taúu natti hin fakkaatu,” kan jedhe barataan nageenya isaatiif jecha maqaa isaa jijjiiree “Olumaa” nuun jedhee, “Tarreessan kan ajjeefame humnoota tikaatiin; kun shakkii tokko illee hin qabu,” jedheera.
Tarreessaan goota obsaa, kutannoo fi qabsoo Oromoof jaalala guddaa qabu, dargaggeessa qaroo ture.
Tarreessaan eessatti dhalate?
Barataa Engineeringii waggaa 1ffaa kan ture, Tarreessaa Safaraa Lammeessaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa magaalaa Shaambuutti dhalate. Yuunivarsitii Mattuu erga seenees amala gaarii akka qabu, naamusaa fi kabajaan hiriyoota isaa waliin barumsa isaa hordofaa ture.
Haa ta’u malee, guyyaa dheengeddaa doormii keessaa dhabamuun kaleessa reeffi isaa argame. Ajjeechaan ilmaan Oromoo qaroo ta’an irratti raawwatamu har’as itti fufeera.

No comments:

Post a Comment