Wednesday, June 3, 2015

Ibsa Ejjennoo Miseensota ABO Konyaa Viktooriyaa, Awustiraliyaa

Ibsa Ejjennoo Miseensota ABO Konyaa Viktooriyaa, Awustiraliyaa
—-
Guyyaa Caamsaa 31, 2015
Miseensonni ABO konyaa Viktoriyaa, Awustiraliyaa Caamsaa 31, 2015 walitti dhufuun haala Yeroo atattamaa Oromiyaa keessaa, Oromoota biyyoota ambaa fi waan qabsoon keenya keessa jiru, keessattuu sochii WBO irratti marii jajjabduu gaggeeffatanii jiru. Haala fakkeessii filannoo Wayyaanee gaamaaggamuun, kan qabsoo Oromoo fi uummata keenya biyya keessaa fi biyya alaa jiran irratti marii guyyaa tokkoo eega gaggeeffatnii booda murannoo fi Ibsa ejjanoo armaa gadii kana dabarsatanii jiru.
1. Afaan faajjii mootummaan Wayyaanee maqaa filannoon waggoota shan shaniin gaggeeffataa turte ulaagaa filannoo kan hin guunnee fi mirga uummatoota biyya sana keessa jiruu kan hin dhugoomsine ta’uu dhaabni keenya ABO yeroo yerrooti ibsaa tureera. Kan bara 2015 gaggeeffames sana irraa adda ta’uu akka hin dandeenye ABOn kan dursee ibse yeroo ta’u nutillee fillaannoon darbes kan dharaa fi fakkeessii ta’uu hubachuun uummata Oromoo hin ilaallatu jenna.
2. Gaaffi abba biyyummaa fi mirgaa uummanni Oromoo gaggeessaa turee fi har’as itti jiru ni deggerra. Keessattuu sochii yeroo ammaa QEERROO fi barattootaanni keenya gaggeessa jiran ni tumsina.
3. Tarkaanfii laalessaa WBOn lukkeelee diinaa ta’anii fi mooraa diinaa irratti fudhaachaa jiru jabaatee itti fufuu qaba jenna. Aanja’uu dhimma kanaa irratti waan dandeenyu maraan kan cina dhaabbannu ta’uu mirkaneessina.
4. Uummanni keenya yaada of ittisuu irraa ka’ee misooma bu’uuraa jechuun mootummaan ittiin Oromoo miidhaa jiru, misooma Oromoof faayidaa hin laatne darbee kan faayidaa diinaaf oolaa jiru sana irratti tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuu qaba jenna.
5. Uummanni keenya biyya keessaa fi biyya alaa jiraatu dararaa diinni uummata keenya irraan ga’aa jiru, saamicha qabeenyaa fi mirga namoomaa sarbaa jiru keessaa ba’uuf wal bira dhaabbachuun murteesaadhaa. Kanaafuu qabsoo yeroo ammaa ABOn hoogganamaa jiruu fi tarkaanfii WBOn biyya keessaa fudhachaa jiru cina jabaatee akka hiriiru wamicha lammummaa dabarsina.
6. Hayyoonni Oromoo biyya keessaa fi biyyaa ambaa jiraattan yeroon itti uummata keessaniif dhaabbatanii ogummaa, dandeettii fi human keessan aarsaa muldhataa ta’e gootan amma jenna. Kanaafuu haalewwan aanja’oo yeroo ammaa jiran kana bu’ura godhachuun gama diplomasiitiin, siyaasaa fi qaroomina barumsaan horattaniinin qabsoo keessaniif akka birmattan, kalacha qabsoo bilisummaa Oromoo ABO cina akka dhaabbattan waamicha lammuummaa isiniif dhiyeessina.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Uummata Oromoof!
Miseensota Konyaa ABO Viktooriyaa, Awustiraliyaa

No comments:

Post a Comment