Wednesday, July 13, 2016

Oromoota Anniyyaa shanyii duguugaa irrati raawatamaa jira


urgent
‪#‎OromoProtests‬ Oromota Anniyyaa shanyii duguugaa irrati raawatamaa jira. Akkuma hundi keenya hubanuttii Oromofii saba biraa walitti buusuf wayyaneen mukin isin hin koree gaari isin hin baane hin jiru. Karaa Mi’asoo, nannoo Afaar, Baalen akkasumas karaa gaara mulataa nannoo Anniiyyaa yeroo heduu ilimaan jinnii Wayyaneen Oromofii Saba biraa walitti buusuf yaali godhaa jirtti. Kun maalif yoon jennee Oromofii saba biraa wal afaan keese, Qabsoo Oromoon gageessaa jiru achitti jaliftee ifii nagayan Araarii Qaboo taate jiraachu barbaadi.
Kan amma nannoo Anniyyyaa kun haalan badaadha. Nannoo kun akkuma isiin hubatan duubee daandiin konkkoolaata hin jiree dachii Oromon heduun qubattu kan duubee Qabsoo hidhannoo Oromo turee. Amma Wayyanee waraana somaali kan liyyu police ja’amu hidhanno guuutu itti hiitee Oromoota nannoo kanaa balnaan dachii irra buqaasa, nama hiduu ajeessaa, ganda gubaa, qabeenya saamaa jirtti.
Oromoon nannoo kana akka ifirra hin ittifnnee dursitee qawwee waan irra hiikameef waraani Somaalii kan liyyu police ja’an kan wayyaanen deeggaramu akkuma fedhe seene ummata keenya lafaraa fixaa jiraa. Kanaafu Oromon bakka jirutti akkata ummata kana itti gargaaru wal mari’achuu dadafaan barbachisaadha.
  1. Oromon keenya kan Biyyaa alaa ummata kana akkata itti gargaaramuu dandayamuu irrati daddafiin walitti dhufanii mar’achuun bareedadhaa.
  2. Oromon biyyaa akasuma qindomaan haala kana mootummaa akka dhaabu dhiiba irrati godhuu fii ummata kanaas akkata ittin bira dhaabatan mijeesun haalan gariidha.
  3. Ilmaan Oromo sabboontoni mootumaaf keessa hoojatan, polisiin, militarii hunduu Oromota kana gargaarudha dirqama akkasumas toofta wayyaanen ummata keenyaafi saba biraa walitti buusuf xaxxaa jirtuu kana akkataa ittin fashaleesan wal mar’achuun ummata keenya kan dhumaa jiru kana waliin dhaabachuu dirqama lammumaatii hubadhaa.
  4. Oromon Biyyaa alaa wa’e kana balinatti social media irrati baasunii haasahun information walii dabarsuu adunyaa akka dhageesu gochuun bareedadha.
  5. Wayyaanen akka Oromoof sabin biraa walitti bu’aniif kana waan gochaa jirtuus xaxxama isaani kana keessa oso hin galee, saba sab-lammoottii olaa keenya waliin oso walitti hin buune akkataa rakko kana itti hiikkanu irratti hoojachuudha.
  6. Oromon Biyya alaa sabaaf Sab -lammootti olaa keenya kan akka Ogaaden, Afaar fii kan biraa waliin waan kana mar’achuu sadarkaa Komonittiiti waliin mar’achuu, rakkoo jiru kana akka hubatan gochuu, labsa walii galaa (Joint Statement) waliin baasuu yoon danda’amee hirriraa waliin bahudha. Oromoon Biyya keessas akkasumas nannoo keenya olaa saba biraa waliin nagayan irrati hojachuudha.
  7. Kanaraa kan hafee rakkoolllen dubannu tun hundi mallatoo gabrummaati furman isii kan hundee bilisoomudhaa. Waan kana tahee Oromon dhamaquu, jaaramuu, hooganaa cimaa ifi keesssa baasu, dhaaba cimaa tolfachuu, waraana cimaa jaarachuun furmaata dhumaati.

Qabsoon itti fufa!!! Via  Daraaraa Sabaa

OMN: Harargee Bahaa Aanaa Qumbiitti namoonni 16 ajjeefaman

hargee
‪#‎oromoprotests‬ OMN:Oduu Adol. 11, 2016 Godina Harargee bahaa aanaa Qumbiitti, poolisoonni Liyyuu Hayil weerara daangaa Oromiyaa irratti raawwataniin namoonni kudha jaha yoo ajjeefaman namoonni jaha ammoo madaayuun himame.
Qabeenyi hedduun kan saamame yoo ta’u, namoonni hafanis qe’ee isaanii irraa baqachuu jiraattoonni dubbatan.
Waggoota shanan darban irraa jalqabee poolisoonni Liyyuu Hayil kan mootummaa Itiyoophiyaatiin deeggaraman jiraattota godina Harargee bahaa aanaalee gara garaa irratti weerara geggeessaa akka turan beekkamaadha.
Poolisoonni Liyyuu Hayil kun wayta adda addaattii daangaa Oromiyaa seenuun tarkaanfii ajjeechaa raawwataa kan turan yoo ta’u, ammas haala hamaa ta’een namoota nagaa ajjeesaa jiran.
Guyyaa dheengaddaa irraa jaqlabee wal waraansa polisoota liyyuu Hayilii fi jiraattota godina Harargee bahaa aanaa Qumbii jiddutti geggeeffamaa jiruun, namoonni kudha jaha yoo ajjeefaman, qabeenyi hedduun poolisoota kanaan saamamee jira.
Lola geggeeffamaa jiru kana jalaa jiraattoonni hundi qe’ee isaanii gadi dhiisanii baqatanii jiru.
Lolli jiraattota aanaa Qumbii irratti baname kun guyyoota sadii dura kan jalqabe yoo ta’u, haga ammaatti akkuma itti fufetti jiraachuullee jiraattoonni dubbatan.
Wal waraansa achitti geggeeffamaa jiru kana keessaa mootummaan Itiyoophiyaa harka qabaachuu isaatis himame.
Lola ta’e kanaan namoonni kudha jaha poolisoota liyyuu Hayiliin kan ajjeefaman yoo ta’u, haga ammaatti reeffi namoota kudha shanii awwaalamee jira.
Reeffi nama tokkoo ammoo danqaraa keessatti waraabessaan yoo nyaattamu, namoonni jaha madaayuu isaanii namni kun mararfatanii dubbatanii jiru.
Akka isaan jedhanitti, gochaa mootummaan Ityoophiyaa nurratti raawwateen reeffa nama keennaa awwalachuu dadhabnee jirra.
Qabeenyi hedduun nu jalaa samaamee jira. Qe’ee dhaloota keennaa dhiifnee lubbuu keennaan baqachuuf ammoo dirqamnee jirra jedhan.
Wayta lolli hamaan poolisoota Liyyuu Hayiliin nurratti raawwatamaa jiru kanatti qaama nuuf birmatu dhabnee ajjeefamaa jirra jechuun dubbatan.
Sababaan lolli kun jiraattota aanaa Qumbii irratti banameef maalii gaaffii jedhuuf namni kun yoo deebisan.
Bakki lillo kun ammaan kana haalaan jabaatee itti geggeeffamaa jiru aanaa Qumbii naannawa magaalaa Minoo akka ta’es namni kun himanii jiru.
Haalli ammaan kana muldhataa jiru hedduu yaaddessaa ta’uu kan nuuf himan namni kun, keessumattuu wayta poolisoonni naannoo shanii duula hamaa nurratti geggeessaa jiranitti, poolisoonni Federaalaa daanagaa lamaan jidduu jiran ammoo qaamota mootummaan nutti bobbaasee kanaaf tumsa ta’anii jiru jedhan.
Itti dabaluun akka namni kun jedhanitti, lafaa fi qabeenya isaaniirratti ajjeefamuu qofa osoo hin taane, daangaan Oromiyaa poolisoota kanaan weeraramee jira.
Lola guyyoota sadiif geggeeffamaa jiru kanaan poolisoonni kun lafa baldhinni isaa kiilo meetira 40 ta’u daangaa Oromiyaa ufi jalatti dhuunfatanii jiru.
Bulchiinsi mootummaa Oromiyaa ufiin jedhus haga ammaatti furmaata kenneef tokkos akka hin jirre himan.
Poolisoonni kun mootummaa Itiyoophiyaatiin leenjifamanii meeshaa waraanaa gurguddaa hidhachuudhaan kan jiraattoota irratti tarkaanfii ajjeechaa raawwaataa turan. Ammas akkasuma.
Maqaa babaldhifannaa lafaa jedhuun loltoonni Liyyuu hayil kun, daangaa Oromiyaa humnaan weeraruun qabeenya hedduu saamaa jiru.
Lola geggeeffamaa jiruun ammoo namoonni hedduun qe’ee isaanii irraa baqatanii jiran.
Rakkoo kana furuuf qaamni birmateef tokkos akka hin jirre jiraattoonni dubbatan.
Wayta gara garaatti milishoonni mootummaa Itiyyophiyaatiin gargaaraman kun daangaa godina Harargee bahaa seenuun duula jabaa geggeessaa kan turan yoo ta’u, inni ammaa kun haalaan yaadessaa ta’uullee jiraattonni himanii jiru.
Usmaan Ukkumeetu gabaase.

No comments:

Post a Comment