Wednesday, September 16, 2015

Bulchiinsii Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti Argamu Manneen Jiraattoota Magaalota Godinichaa Kaffaltii Tokko Malee Jiraattota Humnaan Buqisuun Diiguuf Murteesse.

Fulbaana 15,2015 Gabaasa Qeerroo Magaalaa Amboo

Asko_AREA_May022014Fulbaana 15,2015 Bulchiinsii Wayyaanee Godina Lixa Shaggar Magaalaa Ambootti argamu Qajeelfama aangawoota wayyaanee EPRDF irra dabarfameefiitti Fayyadamuun Manneen jiraattoota Magaalota Godinichaa kanfaltii tokko malee diiguuf murtii dabarse.
Diigumsii manneen magaalaa Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa ture, Godina lixa Shaggar Magaalaa Ambootti diddaa uummataan sodaatamaa kan ture, bifa haaraan mootummaan wayyaanee sadarkaa naannoo Oromiyaatti humnaan akka diigamuuf murtii irra erga ga’ee booda karaa bulchiinsa godinaatin murtiin kunis akka uummata irratti dabarfamu ta’ee jira, uummatni Oromoo magaalaa Amboo fi Aanota Godinichaa wareegamaa barbaachisu kanfalla malee manni galmaa fi humna keenyaaf qabeenya keenyaan ijaarrannee murtii bulchiinsa shororkeessa Wayyaaneen hin diigamu jechuun mormii sirna wayyaaneef qabu argisiisuufii fi qe’ee isaa irrattii tarkaanfii of irraa ittisuu fudhachuuf akka jiru ifa gochaa jira.
Haalli diigumsa manneen jireenyaa ummata magaalaa kun kanfaltii tokko malee Oromiyaa keessattuu godinaalee dhiha Oromiyaa kanneen akka Neqemtee, Gimbii, Kibba Lixa Shaggar Walisoo, Jimmaa fi Mattuu,keessatti adeemsifamaa jiraachuun walqabatee uummaatni sadarkaa dahoo dhabee jiruuf jireenyaan dararamuu irra ga’aa jiraachuun ibsamera. Bulchiinsi Mootummaa wayyaanee kaartaa plaanii hin qabdan maqaa jedhu akka sababaatti kaasuun uummata waggaa dheeraa qe’ee isaa irraa jiraachaa turee fi qaala’insa jireenyan dararama jiru irratti mana galmaa isaanii diiguun jibbinsaa, roorroo fi ilaalcha mootummaan gorboomsaa fi abbaan irree wayyaanee Oromoof qabu kan calaqqisiisuudha waan ta’eef uummatni Oromoo wareegama qaalii fedhe kanfaluun diddaan dura dhaabbachuu qaba jechuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo dhaamsa dabarsee jira.

No comments:

Post a Comment