Tuesday, November 25, 2014

Guyyaan Yaadannoo FDG Melbourne, Australia keessatti sirna ho’aan kabajame

Sadaasa 24, 2014
FDG_Melbourne2014_5Guyyaan yaadannoo FDG naannoo Australia, magaalaa Melbourne keessatti bakka Hoogganootni ABO, miseensonnii fi hawaasti Oromoo hedduminaan irratti argamanitti guyyaa Sadaasa 23, 2014 sirna ho’aan kabajamee ooleera. Qindoomina ABO Konyaa Victoriatin sagantaa qophaa’e kun kan eegalame eebba maanguddoo, wareegamtoota yaadachuu fi faaruu alaabaan yeroo ta’u wareegamtoota walii galatti fincila Oromoo keessatti wareegama kaffalan ittiin yaadachuu fi muldhata ifa fuulduree QBO akeeku dungoon dhaloota haaraan qabsiifamee jira.
Haalaa fi sababa kabaja ayyaana guyyaa kanaa ibsuun sagantaan ayyaanichaa dura taa’aa ABO konyaa Victoria J/ Abdataa Homaatin eega banamee booda uummata ayyaana kana irratti argaman baga nagaan dhuftan jedhiiru.
Sadaasa 09, 2005 labsii fi waamicha ABO uumata Oromoof godheef owwaachuun fincila barattoonni, dargaggoonnii fi uummanni Oromoo gaggeessen bu’aa argame daran jabeessuu fi miidhaa mootummaan Wayyaanee irraan geessise yaadataa as ga’uu, har’a yeroo 9ffaaf biyya keessaa fi alatti uummata Oromoo biratti kabajamaa akka jiru kan hubaachiisan ammoo hooggana ABO kan ta’an J/ Gaashuu Lammeessaa miseensa GS fi Birkii Beeksisii fi Odeessii biyya Alaa ABO turani.
J/ Gaashuu Lammeessaa Oromoon sirna garboomsataa mootummoota Itiyophiyaa dhufaa darbanii irratti fincila gaggeessaa as ga’uu yaadachuun addatti ammoo fincila barattoonnii Oromoo fi uummanni keenya waamicha ABO 2005 dabarsee asitti mootummaa abbaa irree Wayyanee irratti gaggeessaa jiru gadi fageenyaan ibsa kennaniiru. Keessattuu heedummina barattootaa fi uummataa Oromoo FDG kanaan wal-qabatee tarkaanfii ajjeechaa baroota darban kana keessa mootummaa Wayyaaneen irratti raawwatame, addatti ammoo bara 2014 fincila barattootaa maqaa maaster plaanii magaalaa Finfinneen walqabtee gaggeeffamaa ture, godinaalee Oromiyaa hundaa keessaatti, hanga aanaaleetti gadi bu’uun gabaasa dhaqqabe irraatti hundaa’uun ibsa bal’aa kennaniiru. Dhimma gabasa kanaan walaqabatee odeeffannoo ragaan jiru bakka dhalootaa, haala maatii, sadarkaa barnootaa, umurii fi haala jireenya cuunfaa gabaasa kanaa fuula duratti hanga tokko mar-sariitii Qeerroo.org jedhu irratti ibsamuuf akka jiru hubachiisaniiru.
Kana malees yeroo ammaa mana hidhaa Wayyaanee kan beekamuu fi bakka hin beekamne keessatti hidhamanii dararaa daangaa hin qabne kan irratti raawwataa jiru, achi buuteen isaanii kan hin beekamnee fi biyyarraa ariiyataman hagana jechuun namadhiba jedhaniiru. Kun hundi ta’ee haalli har’a uummanni keenyaa fi barattooni Oromoo, addaatti Qeerroon biyya keessaa mootummaa Wayyaanee irratti fincila gaggeessu dabalaa fi jabaachaa dhufuu, Wayyaanee daran yaaddoo keessa galchuu hubachiisuun humna yeroo ammaa biyya keessaa socho’aa jiru kanaaf sagalee ta’uu fi waan nurraa eegamu maraan bira dhaabbachuun yeroon isaa amma jedhaniiru.
For full report click PDF

No comments:

Post a Comment