Monday, October 6, 2014

Manneen Murtii Mootummaa Wayyaanee Federaalaa fi Manneen Mutii Oromiyaa Sadarkaa Garagaraa ilaalchisuun Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

qeerroo2Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 04,2014 
Finfinnee
Mootummaan abbaa irree Wayyaanee manneen murtii Oromiyaa sadarkaa olaanoo irraa hanga gadaanaatti jiran harka isaa keessa galchuun mirgaa fi haqaa ummataa awwaaluu itti fufee jira. Ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafatanitti humna waraana isaa bobbaasuun qe’ee fi mooraa barnootaa keessatti jumlaan ajjeeseera. Kaan immoo qe’ee fi barnoota isaanii irra ukkamsee jumlaan hidhee jira. Mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo bal’eessaa tokko malee hidhee dararaa jiru ofumaaf himatee karaa dabballoota isaanis dharaan ragaa  itti bahuun murtii sobaa irratti muraa jira. Qeerroo Bilisummaa Oromoo gochaa diinummaa wayyaanee kana gadi jabeessee balaaleffata.
1.Ummatni Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa mirga isaa kabachiisuuf waan gaafateef humni waraana wayyaanee Agaazii fi poolisiin federaala itti bobbaafamee yakka waraanaa uummata Oromoo irratti raawwatan. Kanaanis daa’ima  ganna 7 hanga manguddoo ganna 80tti jiran utuu bira hin darbiin garaa laafina tokko malee jumlaan ajjeesanii yakka duguuggii sanyii (Genocide) uummata Oromoo irratti raawwataniiru.  Yakka kanaafis hanga ammaatti itti gaafatamummaa hin fudhatin jira. Kana malees ummataa fi barattoota dargaggoota Oromoo umriin isaanii ganna 16 gadi ta’an dabalatee kumootaan mana hidhaatti ugguree itti roorrisaa jira. Mirga uumamaan qaban irraa mulqee murtii haqaa dhorkachuun gidirsuu irratti argama. Kan himatu, kan ragaa sobaa bahu, kan murtii dabaa ummata nagaa irratti dabarsaa jiru dabballootaa fi ergamtoota wayyaanee ta’uun mirkanaa’ee jira. Yakka hojjetamaa jiru, murtii dabaa fi diinummaa ummataa fi dargaggoota/barattoota Oromoo nagaa irratti kennamaa jiruuf abbootiin seeraa Oromiyaa fi Federaalaa dabballoota wayyaanee ta’an itti gaafatama jalaa miliquu akka hin dandeenye hubachuusna.
Read More in PDF

No comments:

Post a Comment