KORA MISEENSOTA ABO KUTAA KAANAADAA
Korri Miseensota ABO Kutaa Kaanaadaa akkuma aadaatti eebba maanguddoon baname.
Sirna kabjaa Yaadannoo Goototaa tti aansuun Daarikteriin Boordii Dhimma Mirga dhala namaa/HRLHA/ Obbo Gaaromaa Waaqasaa haala miidhaa fi dararama ummata Oromoo iirra gaa`aa jiru ilaalchisee, keessattuu yeroo ammaa kana Mootummaan Wayyyanee/TPLF/ miidhaa biyya keessaatti Ummata Oromoo qee fi qabeenya isaarraa buqisaa jiruu fi ummatni Oromoo biyya alaatti/Baqqattummaa keessattis/ miidhaa karaa biyya itti baqatan keessaa mootummaa n biyya sanaa Wayyaaneen wal ta`uun adamsamanii ajjeefamuu fi ukkaanfamanii gara biyya irraa baqataniitti deebisuun ajjeesuu f i ukkaamsanii dhabsiisuun miidhaan addaa addaa Oromoorra akka ga`aa jiru bal`inaan ibsaniiru.
No comments:
Post a Comment