Dur
dur, ilmoolee qeerransaafi re’eetu walitti michi jedhama. Guyyaa guuyyaa waliin
taphataa oolanii galgala gara gara warra isaaniiti galu. Gaaf kaanittiin
qeerransi “…har’a eessa oolte….?” Jettee ilmoo ishee gaafannaan, ilmoonis eenyu
waliin akka oolte tokkoo lamaan itti himti. Gaafa kana haati hedduu aartee
“…kana booda yoo isaan argite toftaan ittisiqii qabii nyaadhu…!” jettee
gorsiti. Akkuma kana edaa haatii re’ees mucaan ishii eenyu waliin akka ooltu
waan barteef, “… ilaa yaa mucaa koo, diinni hamaan sanyii keenya lafarra fixaa
jiru warra kanaa, lamuu fuullee jara sanaatti hinbayiin.…” jechuun jabeessitee
akeekkachiifte.
Gaaf
kaanittiin ilmoon qeerransaa barii kaatee, fuulleetti baatee, “…yaa ijoollee
kaleessaa…. Koottaa nitaphannaa…” jettee sagalee jabaadhaan waamte. Ilmaan
re’ees dursanii dubbii jiru waan baraniif, “… isa haatee sii malte… keenyas
haati nuu malteettii… nagaatti… nagaattii…!!” jedhaniin jedhama. Warri wal
dhagahu, warri mala waliif himu akkasiin badiirra wal oolfata. Gara dubbii
koottan darba.
Bara 2002, xalayaa seena qabeessa tokkotu mata
duree ‘A¼S yìN LÐ{ nN!?’ jedhuun magaala Finfinnee keessatti Gamtaa barattoota
Oromoon qaamolee adda addaatiif faca’e. Yerichatti walitti bu’insa barattoota
Tigreefi Oromoo gidduutti ta’e tumsuuf komaandoon waraanaa ‘Aashawu’ jedhamu, kan dantaa saba tokkoo qofa
tiksuuf dhabbate mooricha cabsee seene. Humni kuni dogoggoree ilmaan saba isa
akka hinmiine keettoo fuulaafi maqaa ilaaltee “YU y¼ nW! ¶ y¼ aYdlM!” jettee
sanyiin gargar footu of fuulduraa qaba ture. Akka kanaan ilmaan Oromoo sanyiin
warra kaanirraa fooyamanii miidhaa guddaan irraa gahe. Maarree, ilmaan Oromoo
haala kana ilaalan “ Nutoo ilmaan eenyuti!?” yoo kaammoo akka jaarri jedhanitti
‘…A¼S yìN LÐ{ nN…’ jechuun gaaffii murteessaa tokko gaafatan. Barattoonnii kun
deebii gaaffii kanaa wallaalaniit miti. Eenyu akka ta’an of beeku. Saba
isaaniis, biyya isaaniis, seenaa-aadaa isaaniisi qajeellootti beeku. Garuu
waatokkotu hafe. Nama gaaffii kana of gaafatee barbaadee of arguun ittijirutu
ture. Jara kana fakkeenya ho’aa kanaan dhugaa jiru ittihimanii ofitti akka
deebi’an taasisuu akeekkatan. Dhugumattuu gaaffiin kun yerichatti balbala
namoota hedduu seene. Warri gaafficha of gaafatanii deebii argachuun lafa
salphinaatii bahan amma hinqaban. Warri dubbichatti dugda galalanammoo gaafa
ormi balbala itticufatee bineensatti gadi hari’u, seenaarraa deebii
argataniiru.
Firoottan kiyya,
“Nuti ilmaan eenyuuti!?” Haala ittijirruufi keessa jirruun otoo hindaangeffamne
miira walaba ta’een gaaffii kanaaf deebii haqaa keennuu danda’uu qabna. Gaaffii
kana yoo deebifne lafa oolluufi abbaa waliin oollu beekna. Ulfina keessaatti of
tiksina. Dubbii kana dagachuun ykn. gurra kennuufii dhiisuun karaa malee nama
offee akka malee gatii nama baasisa. Ilmaan Oromoo hedduun kana dagachuun bakka
isaaniif hinmallee of dhaabanii karra ormaa duratti salphataniiru. ‘Lallaba
gowwaa firatu qaana’a.’ akkuma jedhan nullee seenaa isaaniitti qaana’uun keenya
hinoolle. Dhiyeenya kana nama yeroo baay’ee dhimma Oromoo dubbachuun beekamu
tokkotu waa’ee Oromoof seenaa Itoophiyaa mari’achuuf Raadiyoo Sagalee
Ameerikaa, Sagantaa Afaan Amaaratti warra Itoophiyummaa gateettii ormaarratti
ijaarrachuu baran waliinJiituu Lammii
march 31,2014
No comments:
Post a Comment