Friday, April 4, 2014

BUQQIFAMA OROMOOTA SHAGGARII fi NAANNOO ISAA – Kutaa Afraffaa


DURAANDURSA
Dubbiftoota barreeffama kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, kutaalee sadan dabran akka argattanii dubbiftan nan abdaddha. Amma kutaa isa kana bakkuma isa dabre dhaabne sana irraayyi itti-fufnaa, yoo yeroo fi wanneen biroo isiniif hayyaman mee duukaa-bu’uuf yaalaa! Xumura kutaa sadaffaa gara dhumaa irratti, murteen yaa’iin Oromoota Kurnaan Gullallee seena-qabeessichi sun dabarse, isiniif dhiyaatee ture. Murteen sun walaloo-dhaan dabarfamuun isaa barreessumsa (ogubarruu) Oromoo keessatti, walaloon bakka olaanaa qabaachuu isaa nutti agarsiisa. Dabaleesoo: “Kurnan Gullallee murtee kana dabarsee, kutannoo daran jabaadhaan waraana Habashaa isa ibidda tufaa, margaa-muka, sa’aa-nama barbadeessaa deemu sana dura dhaabate. Booda dubbiin dubbii meeshaa-waraanaa isa kan ammayyaatii, akkuma uummanni keenya jedhu sana, “qawwee ibiddaatiin” gubatee moyamuu dandaye“, jedhamee ture.
Waraanni Minilik kan meeshaa-waraanaa isa ammyyaa biyyoota Oroppaa irraa argatee, loltoonni isaas leenjiftoota Faranjiitiin leenjifamaniin Oromoota Gullallee callaa otoo hin taane, Oromoota biroos cabsee Oromiyaa qabachuu dandaye. Erga Oromoon Gullallee moyamee, uummanni akka loltoota Amaaraa kana mana-manaan hiratee sooru taasifame. Jarri wanni isaan Biyya Amaaraa irraa qabatanii dhufan wanneen afur qofa ture: a) gaangotaa fi fardeen dureewwan waraanaa yaabbatan, isuma keessayyuu garri irra caalu kanneen Oromoota: Abbichuu, Jirruu, Jiddaa, Salaalee, Darraa, Galaan, Ada’a Liibanii fi Gimbichuu faa irraa boojiyani b) Galaa hamma Biyya Oromoo dhaqqabanitti isaaniif gawu c) Qawwee fi rasaasa Faranjoota irraa argatan sanaa fi d) bututtuu, waarroo fi dabaloo uffatan sani. Kanaa achi isaan qawween doorsisanii uummata dirree-waraanaatti humna meeshaa-waraanatiin cabsame sana akka ergamtuu fi wandaqaatti ergachuu dha ture gochi isaanii. Ilaamee, inni kun armaa gaditti baldhinaan ibsama.
SEENSA
Silaa Oromoon mana-manatti akka isaan hiratu taasifamee, kan fardeenii fi gaangota isaanitii okaa haamu Oromoo dha. Kan miidhaan daakee, tolchee isaan sooru dubartoota Oromooti. Kan miila isaanii dhiquu fi uffata isaanii miiccu ijoollee Oromooti. Midhaan nyaatan, bishaanii-aannan, dammaa-farsoon dhugan faas kanuma Oromooti. Jarri mindaa wayiituu hin qabanii, mindaan isaanii uummata Oromoo ture. Jarri kun uummata Oromoo Gullallee waan sodaataniif, waan hin amanneef guyyaa-guyyaa qawwee rarraafatanii oolu. Halkan-halkan immoo qawwee boraafatanii rafu. Akkuman kanaan dura jedhe: “yoo baalli shokoksellee, yoo shimbirroon bar-jattellee Oromoon na qabate jedhanii wareeruun ol-utaalu.” Halli kun gara waggaa sadii fudhate. Ganna-ganna naannoon Shaggar Jiddu-galeessaa naannoon amma: “Biheeraawii“, Istaadiyuma, “Abiyoot Addabaabyi“, Finfinnee, Dhaaba Sangaa (“Sangaa Taraa“) faa roobaan dhoqqaawa. Kanaaf, Oromoota Gullallee keessaa warreen gandeen kana keessa jiraatan, loon ofii ooffatanii gara baddaatti: Sululta, Meettaa Roobii fi Meettaa Hoolotaa faatti darabaa galu. Ji’a Waxabajjii keessa deemanii ji’a Fulbaanaa gara dhumaa, ennaa lafti qooru loon isaanii ooffatanii deebiyu.
Oggaa dhiironni Oromoo gara darabaatti godaanan sana loltoonni Amaaraa dubartoota Oromoo qawween doorsisanii gudeedu. Isa kana dubartoonni gandan-gandaan akkuma walbeekanitti walitti himani. Lafa-jala dhoksaan walmariyachuu jalqabani. Dubbiin ture: “abbootii warraa keenyatti ni himna moo ni dhoksina” kan jedhamu. “Yoo itti-himne dhiironni aaranii Sidaamtotaan lolu. Silaa qawwee hin qabanii warra qawwee fannifatee deemutoo nu jalaa isaan galaafata.” Karaa cabe haa yaasu malee, “ofis biyya keenyas salpphifnee hin jiraannu” jechuun, dhiirotatti himuuf waliigalani. Yommuu warri dhiiraa darabaa irraa galan: “nuti dhirsa lamaa-sadii qabna moo” jechuun dhiirota xiiqii fi booree garaa kaayani. Amma silaa yaa’iin Gullallee dhoowwamee, dhiironni dhoksaan walmariyachuutti ka’ani. Dubbiin “nutoo qawwee hin qabnuu maal goonee isaaniin lollaa” dha ture. Ni lollaa irratti waliigalanuun malaa fi tooftaa lolaa baafatani. Lafti fi gandeen Kurnan Gullallee irra qubate marti guyyaa mortaawe tokkotti, galgala waarii jala oggaa lafti dukkanaawe daamotii (ibsaa, guca) qabsiifatanii gadi-bawuun iyyu. Iyyi seena-qabeessichi kun*:
Uu uu qabi, dhayi!
 Uu uu qabi, dhayi!
Uu uu qabi, dhayi!

Uu uu qabu, dhayi!
Kan jedhamu ture. Biyyi Gullallee guutuun ibsaa akkasii fi iyya akkasiitiin ennaa yaa’u, loltoonni Minilik wareeranii mana-manaa bawuun baqachuu jalqabani. Oromoon Gullallee dukkana gaachana godhatee: shoota, eeboo, hablee, gajaraa (mancaa) fi qottoo fayiin diina akka awaannisaatti isarra qubatee, isa nyaachaa baye sana haleele. “Sidaamni Oromoo se’ee dukkana keessa walitti dhukaasuun walumaa galaafate.” Kaan otoo baqatuu laggeeni fi hallayyaatti nam’ee dhume. Oduuf jecha, namoonni xiqqoon ganda Minilik jiru san, Ankoobar-ttii deebiyani.
Minilikii fi abbootiin duulaa (generaalonni) isaa aarii-salphinaantiin gubatanillee, ennasuma hatattamaan waa gochuu hin dandeenye. Gara baatiiwwan sagalii sonaan itti-qopphaawanii nama kanaaf, jechuun uummata isaanitti ka’e gaccabsuuf muuxannoo qabuu fi dabrees kan Minilik amantaa guddaa irraa qabu filatanii, gara Biyya Oromoo isa Kurnan Gullalleetti, bara 1878 keessa ergani. Namni isaan filatan kun kann Dajjaach Mashashaa Seefuu jedhamu ilma obboleessa Minilik yoo tahu, inni kanaan dura nama Oromoota Darraa (Salaale Kaabaa) kan akkasitti warra Minilik ollachiisu san humna qawwee Oroppaatiin cabse sana. Uummanni Gullallees akka isaan dhufaa jiran waan dhagayeef, akka gaariitti itti-kurfaawee ture. Haatahu malee, Oromoon Gullallee kan qopphaawe karaa: malaa fi tooftaa lolaa, uummata cufa akka nama tokkootti hamilee fi labsiin kakaasuu fi ijaarsa barbaachisu maraan walgurmeessuu malee, meeshaa-waraanaa isa ammayyaa kan biraa hafee qawwee tokkoo fi xiyyiitii takkallee hin qabu. Ammas dubartiin Oromoo Kurnan Gullallee asxaa bilisummaa dubartii kan tahe sana Siiqqee ishii harkatti qabattee, mundhii ishaa sabbataan shab-godhattee gandeen keessa labdee biyya labsuutti kaate. Uummanni Oromoo Gullallee akkuma jirutti olka’ee, fardaa-namaan diina ammas deebiyee dachee Oromoo qabachuuf dhufe dura gore. Jarreen maqaa Kiristaanummaa isaanitiin,”Oromoon nu warra Kiristaanaa fixuufi” jechuun, meeshaa-waraanaa kan ammayyaa humnota Oroppaa irraa argatanii mataa irraa hamma miilaatti hidhatan san, Oromoon Gullallee meeshaa-waraanaa kan duudhaa: eeboo, wantaa (gaachana), shootala (“goraadee“), furrisa, furguggee (murxuxxee), gajaraa, ablee, qottoo fi shimala fayin, irra caalayyuu onnee Oromoo biyya ofiitii du’uu yookaan diina biyya-ofii ajjeesuu, jettu saniin dura dhaabate. Warri abbootii qawwee ibiddaa sun Oromoota Gullallee akka laayyootti mowuu hin dandeenyee, guyyaa guutuu irraa fudhate.
Dacheen abbootii Gadaaa fi haadholii Siiqqee diinaan barbadooftee Oromoon dhiiraa-dubartiin, jaarsaa-ijoolleen warra Minlikiin akkuma Oromoota Arsii fi Oromoota Barentuutti biyya ofiitiif jecha, akka okaatti haamamanii booda kan hafe harka-kennate. Minilik uumaan akkuma keenya namaa, garuu garaa-dhaan bineensaa sun kun itti-hanqatee gadoo (haaloo) hamaa baafachuu jedhee, Oromoota Finfinnee Shaggar jiddu-galeessaa isaantu kana dursee sade jechuun, akkuma jiranti buqqisee loltoota isaatiin oofsisee Arsii naannoo Asallaa qubachiise. Buqqifama isa kanatu Buqqifama Oromoo Gullallee isa tokkoffaa dha. Warri Minilik kun yoom kana duwwaatti dhaabatanii hafani, biyya Kurnan Gullallee guutuu keessa labanii namoota keessumaa gayeeyyii fi dargaggeeyyii akka bineensa daggalaatti adamsuutti ka’ani. Akkuma kanaan dura jedhame san: “Oromoon Gullallee wiirtuu Shaggar, naannoo Hora Fifinnee faa jiraatu, warra warraan faffaca’ee, gara obbolaa isaa gara naannoo Oromoota  birootti baqate. Kaan Meettaa, Galaan, Sooddo, Bacho, Ada’a Bargaa, Waliso, Kuttaayye faatti baqatee, boodas isaaniin moggaafamee hafe. Waggaa kudhan booda (1887-1888) oggaa Minilik Inxooxxoo irraa gadi-bu’ee, Shaggar magaalmataa impaayara isaa godhatu, Oromoon Gullallee inni naannoo amma “Araat-Kiiloo, Siddis-Kiiloo“, “Lidataa”, Markaatoo, Kasaanchis, Piyaassaa faa jiru, buqqifamee Arsii naannoo Asallaa qubachiifame.“**
Oromoon Kurnan Gullallee biyya isaa fi birmadummaa isaatiif jecha akkasitti dhumullee, akkasitti humna qawweetiin naannoo awwaallan haadholii fi abbootii isaa itti-argamu irraa buqqifamullee, kaan faffacayee naannolee Oromoo birootti baqatullee isa hafee hamileen isaa hin cabne. Gaaf tokko ka’ee biyya abbaa isaa akka deebifatus gonkumaa hin mamane. Ani Oromoo Gullallee ijoollummaa kiyya irraa kaaseen beekaa, kan ogguu na maalalu (dinquu) jabina hamilee fi safuu isaanii isa akka sibiilaa jabaatu sani. Hamilee fi safuu kanatu, jaalala biyyaa fi Oromummaa isaa kanatu Shaggar shaggaa biyyaa, garuu isa nafxanyoonni Habashaa boongoo (waasshaa) yeeyyiiwwanii fi majaa-leetti (waraabessa akkan hamaa) geeddaratan kana keessatti, hanga hardhaattuu isa hambise. Oromoon Gullallee akkuma Oromoota biroo isaan ani amma kanaa olitti, isiniif ibse kana dhalawwan ofiitti himaa guddifata. Isa kanatu kubee (“encyclopedia“) cimaa kan koloneeffatoonni Amaaraa gubanii balleessuu hin dandeenye tahuun asiin, ee bara Dhaloota Qubee kanaan isa gaye.*** Amma kanaa gadittan tuullaa beekumsa Oromoo isa afaanii-afaanitti, dhalootaa-dhalootatti dabraa as gaye keessaa hamma tokko, kanan walitti qabe keessaa isiniif dhiyeessa. Ani bara mootii-mootolii sanan walaloota uummata Oromoo kan Oromiyaa Waltajjii irraa, jechuun Tuulama guutuu fi Macca Bahaa irraa walitti qabeeyyu. Kana irraa bara 1983 keessa hacuuccaa fi roorroo, gabrummaa fi gabbaarummaa Oromoo Gullallee fi kanneen biroo kan ibsu waa ifa godheen ture. Amma isa keessaan waa isiniif dabarsa.****
QAAMADUBBII
Oromoon Gullallee gabrummaa fi biyya isaa irraa-buqqifama walaloolee sirbaa kanneen addaddaatiin ibsata. Keessumaa walaloolee naannee, geerrarsaa, seeyyii fi dhiichisaa keessatti harqoota gabrummaa Habashaa kan isarra jiruu fi abdiibilisummaa fi walabummaa biyya ofii addeeffata. Akkanatti gabrummaa fi gabbaarummaa Habashaa kan isarra jiruu fi dharraa birmadummaa fi bilisummaa kan ibsatu Oromoo Gullallee callaa miti. Akkan argee fi dhagayetti kun naannolee Oromiyaa maraa fi gosolii Oromoo hundumaa biratti waan beekamu. Otoo abdiin Oromoo keenyaa inni cimaan kun jiraachuu baatee, yoon silaa hundi keenya: Azbixee fi Gonnixee, Aadafris-ii fi Ashabbir, Difaabbaachaw-uu fi Gizaachaw, Laxxibaluu fi Ziqqibaluu, Aalgaanash-ii fi Yawhaalaash faa taaneeti turre. Ilmoo namaa ilmoo namaa wanneen taasisan keessaa inni tokko abdii dha. Abdiitu uummata Indiyaa kan waggaalee 100 koloneeffatoota Ingilizii jala ture, uummata Giriikii kan waggaalee 367 Osmaan Turkii jala ture, uummata Albaaniyaa kan waggaalee 431 Osmaan Turkii jala ture, uummata Sarbiyaa kan waggaalee 338 Osmaan Tarkii jala ture, uummatoota Arabaa mara kanneen waggaalee 400 gabroomfatoota Osmaan Turkii jala turan, uummatoota Ameerikaa Kibbaa kanneen waggaalee 300 koloneefatoota Ispaanyaa fi Portugaal jala turan, uummata Aljeeriyaa isa waggaalee 132  gabroomfatoota Faransaa jala ture, Afrikaa teenya guutuu tan Koloneeffatoota Oroppaa jala waggaalee dhibbaa ol turte, bilisummaa fi walabummaan kan isaan gaye abdii dhala namaa kana. Abdiin kun nu Oromootas, obboleewwan keenya Somaalotaa fi Sidaamotas, Walaayitoota fi Hadiyyootas, Gambeelotaa fi uummatoota Sulula Omoo faas harqoota gabrummaa Habashaa kana jalaa akka nu baasuu shakkiin tokkollee hin jiru.
Isa kanaa olitti jedhame kana Oromoonni Kurnan Gullallee kunoo, akka kanaa gadiitti himatu. Kanas akkuman ennaa sana Afaan Oromoo fi Afaan Ingiliziitiin walmaddii kaawuun, baase sanattan dhiyeessa. “Tamene Bitima: On Some Oromo Historical Poems; in, PAIDEUMA 29, 1983, pp. 317-325″:
“Inxooxxoo dhaabatanii,*****
Caffee gallaaluun hafee,

Finfinnee loon geessanii,
Hora obaasuun hafee,
Tulluu Daalattiirrattii,
Yaa’iin Gullallee hafee,
Gafarsatti dabranii,
Qoraan cabsuunis hafee,
Hurufa Boombiirrattii,
Jabbilee yaasuun hafee,
Bara jarri dhufanii
Loon teenyas indhumanii,
Idda mashashaan dhufee,
Birmadummaanis hafee!”
“No more standing on Intotto,
to look down at the pasture below.
No more taking cattle to finfinnee,
to water at the miniral spring.
No more gathering on Tulluu Daalattii,
where the Gullallee assembly
used to meet.
No more going beyond Gafarsa,
to chop firewood.
No more taking calves,
to the meadow of Hurufa Boombii.
The year the enemy came,
our cattle were consumed.
Since Mashasha came,
freedom has vanished!”
Mashaashaan walaloo kana keessatti kaafame eenyu akka tahe kanaa olitti ibsamee jira. Isatu ka’iisa fi fincila Oromoo Gullallee isa bara 1878 kana cabse. Inni sana dura akkuma irranatti tuqame waraana Oromoo Darraa (Salaalee Kaabaa), isa goota daran beekamaa Hasanuu Wadayiin gaggeeffame humna qawwii ibiddaatiin cabsuu dandaye. Hasanuu Waday seena-qabeessichi kun, uummata isaa biratti maqaa sangaa fardaa isaatiin irra beekama: Abbaa Kuraaraa. Erga waraanni Minilik isa moyee: “harka kiyya diinni hin qabatu, farda kiyya diinni hin yaabbatu“, jedhee farda isaa shan utaalee diina akka inni kashakkashu godhe sana, ajjeesee booda ofis ajjeessuun seenaa Oromoo kan gara isaatiin jiru dhiiga ofiitiin barreessee dabre. Walalooleen Oromoonni Gullallee lafarraa buqqifama nafxanyoonni Habashaa isaan irratti, adeemsisaa turanii fi ammallee itti-jiran ibsu danuu dha. Akka kutaan kun nutti hin dheeranneef, “haa-bultu dubbiin” jechuun asuma irratti dhaabnaa, mee cufti keessan nagaa fi badhaadhinaan naa bubbulaa!
Itti-fufa —!
==============  HUBACHIISOTA MIILJALEE  ==============
* Taammanaa Bitimaa: “SEENAA OROMOOTA FINFINNEE-SHAGGAR”; MANDIISUU, Hidhaa 6, lakk.1, Bitootessa 2004, fuulee 25 ilaalaa.
** Isuma kanaa olitti jedhame > (IKOJe), fuulee 25-26 ilaalaa.
*** Kubee (“encyclopedia“) <  kuusaa beekumsaa.
**** Walalooleen uummataa isaan jedhaman kun: “Tamene Bitima – On Some Oromo Historical Poems; in, PAIDEUMA 29, 1983, pp. 317-325″, keessatti bayani.
***** Walaloo kana akkuma jirutti jechuun isa Afaan Oromoos, isa Afaan Ingiliziis barreessitoonni tokko tokko madda isaa jallisuun yookaan otoo madda isaa sirumaa hin kennin, barreeffatoota isaanii keessatti dhimma ittiin bayanii jiru. Dhimma ittiin bayuun daran gaarii dha. Garuu, barreessitoonni keenyas seeraa fi duudhaa barreessitoonni addunyaa qaban keessaa bawuu matumaa hin dandayani. Dursee bara 1991 fi 1992 keessa oggaa gaazexoonni fi kitaabeewwan Afaaan Oromootiin bayan akkasitti nuuf maddan sana, tokko tokkoon isaanii walaloo bara 1983 keessa baye kana madda wayiituu malee, baasaa turani. Ani bara 2009 keessa Waashingitan Diisiin ture. Booda Oromoonni waggaalee hedduu dura na beekan, barroo obboo Tasafaayee Gabra’ab kan “Yagaazexanyaaw Maastaawashaa” jedhmu bituun naa kennani. Obbolaan kiyya sun kitaaba san bananii fuulee walaloon amma kaase kun, irratti baye natti agarsiisani. “Kun balleessaa cimaadhaa mana seeraatti dhiyeessuu dandaasa“, naan jedhani. Ani kitaaba bareedaa san, silaa ani qilleensa irra (samii keessa) rafuu hin dandayuu, balaliyaa-dhuma (xayyaaruma) keessattin dubbisee fixe. “Ani obboleessa kiyya nama Afrikaa mana seera Faranjii hin dhaabu jedheen” itti-dhiise. Obboo Tasfaayeen ee lammiin Oromiyaa, ilmi Bishooftuu teenyaa maaf akka madda isaa kennuu dide ani hin beeku. Garuu, kitaaba isaa san keessatti madda biroo, jechuun kan wanneen biroo warreen biroo irraa-fuudhe sirriitti kenna. Otoo dubbannuu: ijoolleen warra nafxanyaa obboleessa keenya kana: “maaf waan Oromoo dubbatta?” jechuun, duulaa hamaa irratti deemsisaa jiru. Yeroo, bakkaa fi haalatu isaanii hin taane malee, silaa isa yoona ni fannisuuyyu. Nuti dhalawwan Oromoo kanneen kitila hedduun lakkaawamnu, isa cinaa fi duuba dhaabannee eeboo jarreen tanaa irraa qoluu qabna! Inni lammii fi ilma Oromiyaatii, wanni isaan galchu tokkollee hin argamu!
Amma bara kana keessallee namoonni keenya tokko tokko madda walaloo kanaa keennuu irra, gara biraatti kakkaachuun madda dugda duubaa kennanii argamu! Raajii dha! Sammuu fi qubni barreessaa, safuu fi safeeffanni barreessaa yoo isaaniif hayyame, akkanumatti itti-fufuu dandayu. Garuu, isa jechoota duraan walaloo sana keessatti dhiyaate,  dabsuu otoo dhiisanii wayya. Inni kun Oromoonni durii akka itti-dubbatan waan nutti agarsiisuuf, seenaa Afaan Oromootii hedduu barbaachisaa taha.
Taammanaa Bitimaa irraa | Ebla 3, 2014

No comments:

Post a Comment