Thursday, February 18, 2016

Mootummaan Wayyaanee Muddama cimaa keessa akka jiru beekkameera

FB: Ramu Na
iddo_walgahi
Mexico Square, Addis Ababa
Oduun gama Finfinnee keessaa miliqxee baate akka agarsiiftutti qaamoleen olaannoo dhimma nageenyaa biyyatti, Ministera Ittisa biyyatti qaamoleen security biyya keessaa fii komishenarotni Poolisii federaala gurguddoon guyyaa har’aa dhoksaan marii hatattamaa waajjira guddaa poolisii Federaalaa Finfinnee naannawa Meeksikoo argamu keessatti gochaa akka oolan beekkameera. Abbootiin aangoo kunneenis irra caalaan Tigroota tahuu beekkameera. Mariin isaanii kan xiyyeeffate mormii Oromoo tibbana kana to’annaa isaanii jala ooluu hafee finiine cimee itti fufe irrattii fii lubbuu waraana agaazii 5 kan dhiheenya Arsii keessatti dabre irratti dha. Gabaasa marii kana irratti godhameen waraanni Agaazii kan ajjeefaman rasaasa poolisoota Oromiyaa irraa akka tahe kan ibsameera. Sababa kanaaf amantamummaan nuti poolisoota Oromiyaa irraa qabnu sadarkaa zeeroo jedhamu irra gaheera. Kanaafuu yoo poolisoota Oromiyaa iddoo mormiin ummataa itti geggeeffamaa jirutti erguu keenya itti fufnu taate ummatatti makamanii nu waraanuun isaanii hin oolu jechuun waliin mari’ataa akka turan beekkameera. Murtii irra gahan irratti sirritti mirkaneeffachuu baannus qabxiilee armaan gadii kunneen guyyoota dhufan keessatti kan Wayyaaneen raawwatamuuf karoorfatamanii dha.
  1. Poolisoota Oromiyaa akka mormii ummataa to’ataniif jecha erguu dhiisuu. Kanneen asiin dura bobbaafamanii jiran deebisanii hiikkachiisuun ummata irraa fageessuu.
  2. Agaaziin akka iddoolee mormiin ummata jiran hundatti dursee argamu gochu, haala mijeessuu
  3. Poolisotni federaalaa lammii Oromoo tahan to’annaan addaa irratti godhamuu akka qabuu fii barbaachisaa yoo tahee argame immoo iddoo mormiin Oromoo jiru akka hin dhaqqabne gochuu.
  4. Naannoolee mormiin oowwaan jiranitti poolisoota magaalaa fii Hidhataa gandaa irraa qawwee hiikkachiisuun uleedhaan qofa ganda isaanii akka to’atan gochuu …..
  5. Gara iddoo mormiin jiruu kan garuu naannolee daandiin konkolaataa isaanii cufamanitti ilikoptera raayyaa ittisa biyyaa fayyadamuu akka qaban…..
  6. Daandileen konkolaataa ummataan cufamanii jiran immoo hamma danda’ameen dafanii deebisanii to’achuu akka qaban….kkf dha.
Woyyaaneen yommuu kana godhu hunda Poolisoota lammiilee Oromo tahan keessaa baasuun kun laakkofsi humna waraanaa isaa na jala hir’ata jedhee yaaddoo guddaa keessa isa galchee akka jiru ibsameera. Mormiin Oromoo jabaatee itti fufuun isaa kun Poolisotni Oromiyaa fii miseensotni OPDO gubbaa hanga gaditti ummata wajjiin waan dhabbataniifii ummatatti waan makamaa jiraniif jechuun shakkii isaanii waliif kaa’aniiru. Kunis kan tahuu danda’e erga abbootiin aangoo olaanoo OPDO pirezedaantiin isaanii Muktaar Kadir bakka bu’ee isaa dhabanii wallaalanii booda “eessa akka jiru waan hin beekneef” shakkii Wayyaaneen tokko tokkoon nu fixaa jirti jedhu keessa isaanitti horachuu eegalanii booda akka tahe ibsameera. Mariin abbootiin aangoo Wayyaanee dhoksaan Finfinne waajjira poolisii Federaalaa naannoo Meeksiskoo jedhamutti taasisaa jiran kun guyya guyyaan kan repoortiin irratti dhihaatee itti wal dhageessisan akka tahee fii guyya borus kan itti fufu tahuu beekkameera. Isaan haa mari’atan qabsoon Oromoos guyyaa gara guyyaatti cimee itti fufa. Hanga waajjira isaan keessa taa’anii mari’atan kana gahutti, eeyyan hanga mirga abbaa biyyummaa Oromoo kabajamutti.

No comments:

Post a Comment