Tuesday, February 2, 2016

Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn loltoota diinaa 33 yeroo ajjeesu, 31 ol ammoo madoo taasise

wbo20150925(SBO – GURRAANDHALA 02, 2016) Abdii fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Falmaa Godhu Jabeessee Itti Fufuun Diina Irraan Kasaaraa Guddaa Geessisaa, Injifannoo Boonsaa Galmeessaa Jira.
Haaluma kanaan WBOn Godina Bahaa keessa sossohu Amajjii 18 – 31,2016tti Lixa Harargee Onoota gara garaa keessatti tarkaanfilee adda addaa waraana gabroomfattuu wayyaanee irratti fudhateen kasaaraa guddaa irraan gahuu Ajaji WBO Godina Bahaa oduu tarkaanfii SBOf ergeen beeksisee jira.
Gootichi WBO Godina Bahaa Amajjii 30,2016tti Lixa Harargee Ona Bookee Xiqqoo magaalaa Bookee Xiqqoo biratti kan argamu mooraa waraana wayyaanee Haxuraa jedhamu weeraruun humna diinaa mooraa kana keessa ture irraan miidhaa olaanaa geessisee jira. Haaluma kanaan loltootni wayyaanee 11 yeroo ajjeefaman, 17 ol ammoo madeeffamuu fi kanneen hafan mooricha gadhiisanii akka baqatan Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera.
A/100 Masfin Nagaraa, A/50 Abaatee Yirgaa, A/10 Dammaqaa Silashii fi I/A A/10 Kadir Jundaa kan jedhaman kanneen du’an keessatti akka argamanis hubatameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)n mooraa diinaa kana erga dhuunfateen booda, AK47 13, matarayasii 1, rasaasota gosa adda addaa 1300 olii fi miyoota waraanaa adda addaa booji’ee jira.
Dargaggootni Oromoo naannoo kanatti argaman tarkaanfii diina irratti fudhatame kanatti gammaduudhaan baay’inaan WBOtti akka makamanis Ajaji WBO Godina Bahaa dabalee hubachiisee jira.
WBOn tarkaanfii fudhatu itti fufuun Amajjii 31,2016 Lixa Harargee Ona Odaa Bultum araddaa 25 jedhamee yaamamutti waraana wayyaanee dirmatnaaf sossohaa ture haxiin haleelee 5 ajjeesee, 3 kan madeesse oggaa ta’u, qawwee AKM47 5 irraa booji’eera.
Gama biraan Humni Addaa WBO Amajjii 30,2016 Baha Harargee naannoo Dhangaggootti qondaala tika diinaa nama Abraham G/Masqal jedhamu karaatti eeggachuun kan ajjeese oggaa ta’u, shugguxiin 1s irraa hiikkateera.
Haleellaa diina irratti fudhatu kan itti fufe WBOn Godina Bahaa Amajjii 29,2016 Baha Harargee Ona Fadis bakka Ija-lolaa jedhamutti humna diinaa kan sakattaa irra ture rukutuun 3 irraa ajjeesee akka of booda deebi’an taasisee jira.
Kana malees WBOn Amajjii 25,2016 Lixa Harargee Ona Habroo bakka Dhoomal jedhamuttis waraana wayyaanee kan sakattaa WBOf bobbahe haleeluun 8 ajjeesee 7 ol madeessee jira.
Gootichi WBO Godina Bahaa haleellaa diina irraan gahu itti fufuun Amajjii 18,2016ttis Lixa Harargee Ona Gammachiis bakka Kaasee-Hijaa jedhamee yaamamutti waraana gabroomfattuu wayyaanee hadhuun 6 ajjeesee, 4 yeroo madeessu, AK47 5 irraa booji’eera.
Walumaagalatti gootichi WBO Godina Bahaa tarkaanfilee Amajjii 18 – 31,2016tti Bahaa fi Lixa Harargee keessatti fudhate kanaan loltoota diinaa 33 yeroo ajjeesu, 31 ol ammoo madoo taasisuu fi qawwee AK47 23, materayasa 1, shugguxii 1 fi rasaasota adda addaa hedduu diina irraa booji’uu Ajaji WBO Godina Bahaa beeksiseera

No comments:

Post a Comment