Friday, February 19, 2016

Mootummaan Wayyaanee duula waliiglaa ummata Oromoo irratti labsite

                               oromia
#‎BilisummaaOroromo‬-(19.02.2016,‪#‎DhaamsaQeerroo‬, Oromiyaa) Mootummaan Wayyaanee duula waliiglaa ummata Oromoo irratti labsuun ajjeechaan gara jabinaa guutame akka fudhatamu ajaja haaraa dabarse. Ajaja haaraa kana raawwachiisuuf humni addaa, waraannii fi humni tikaa Oromiyaa akak dhuunfatu ajajamee jira.
Yeroo ammaa mootummaa naannoo Oromiyaa kan jedhamu hinjiru. Hojii bulchinsaa mara kan gaggeessan humnoota tikaa Wayyaanee, waraanaa fi hogganoota siyaasaa TPLF qofaa dha. Kanaaf,
Ummati Oromoo marti ajjeechaa nurratti raawwataa jiru kana dhaabuuf bakka hundatti akka wayyaaneen hin darbineef karaa cufaa
Dargaggoonni Oromoo odeeffannooa riifachiisaan waliin dabarsuu irratti ajbaadhaa hojjadhaa
Dargaggooti Oromoo akka haalli isiniif kennateen diddaa gaggeessuu keessan itti fufaa; sagaleen ummata oromoo bakka hundatti akka dhagayamu godha.
Caasaa hawaasummaa ummataa kan akak mana barnootaa, mana yaalaa fi kkf irratti tarkaanfiin akak hin fudhatamne jabeessaa eega,
Manneen sagadaa kam irrattii akak tarkaanfiin hin fudhatamne jabeessaa eegaa.
Saamichii fi sirna dhalbummaan akka hin babal’anneef, koree nageenyaa fi tikaa of keessaa baasaatii naannoo keessan to’adhaa; eegaa
Haala deemaa jiru bakka hundatti quba walqabsiisaa
Saboota biroof kabajaa fi jaalala Oromoon qabu daran jabeessaa
Diddaa fi mormii naannoo keessanitti ta’an otuu hin tufaftiin miidiyaa akka OMN,OVR, VOA, SBO, fi Facebook addaddaa irratti gabaasuu hin dagatiinaa!
10 Sansakkaa fi naamusa qabsaa’ummaa jalatti tarkaanfii diddaa garbummaa fi qabsoo bilisumama abbootiin keenya eegalan bakka hundatti jabeessaa!
Maaloo, ergaa kana waliif dabarsaa!
Injifannoo Ummata Oromoof!                        February 19, 2016 EthiopiaOromia

No comments:

Post a Comment