Waraanni mootummaa wayyaanee sakattainsa kanaaf bobbaan kumaataman kan lakkaawaman yoommuu tahu sakattainsaan alatti darbuun afaan qawwee fayyadamuun qabeenya uummataa saamuu fi dubartoota gudeeduu irratti argamu.
Godina Shawaa kaabaa aanaa Alaltuu bakka Fiichee jedhamutti waraanni mootummaa Wayyaanee sakattainsaaf bobbae qabeenyaa ilmaan Oromoo saamee jira. Ilmaan Oromoo hojii isaaniitti bobbaanii jiran dhaabuun maallaqa baaftan fidaa jechuun humnaan irraa fudhachuu irratti argamu. Midhaan konkolaattotaan feamus hin dabarsitan jechuun ilmaan Oromoo rakkoo addaaf saaxiluu irratti argamu.
Qeerroon Godina kanaa diinni maaliif akkas nu godhee irra dura dhaabbanna jechuun uummatni waraana wayyaanee bobbae akka hin nyaachisne, hin obaasne homaa itti hin gurgurre taasisuun hojii waraana mootummaa wayyaanee fashalsuu irratti argamu.
No comments:
Post a Comment