Saturday, November 9, 2013

Biyya ofiif wareegamanii dhaloota dhaalchisuun gootummaadha!

Yaa saree osoo waan siin jedhan beekte waan siif kennan hin nyaattu

Abbaa Gammachiis irraa | Sadaasa 9, 2013
Police gun-down an Ethiopian illegal immigrant
Police gun-down an Ethiopian illegal immigrant in S. Arabia
Uummanni Oromoo erga gita bittuu habashootaa jalattii kufee kaasee qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’aa yoona gahee jira. Keessaayyuu erga bulchiisa Wayyaaneetii ammoo kumoonnii hedduun ajjeefamuu fi miliyonatti kan shalagamuu biyya isaa dhiisee baqatee jira, Haa tahu malee warreen baqatanis akka seera bara dhibba kudha sagal shantamii tokko mallattaa’eettis seerri baqattummaa dhorkatamee biyya baqaa keessatti ajjeefamaa, Kaan deebifamee Wayyaaneetti kennamaa, kaan bishaaniin nyaatamaa jiraata. Addunyaanis osoo arguu akka hin arginetti osoo dhagahuu akka hin dhageenyetti jiraata. Kun ammoo haga har’aatti fooyya’aa deemaa jira osoo hin taane ammallee salphinaa gara salphinaatti gulufaa jira.
Xiyyeefannaan barruu kanaa inni guddaan dhiheenya kana biyya Saudii Arabi’aa magaalaa adda addaa keessatti baqattoonni Oromoo kuma kudhanii ol qabamanii mana hidhaa jiraachuu ilaalchiseeti. Qabamuun homaa miti yeroo isaan magaala sana keessa akka qeerransa bosonuu ari’uuti olii fi gad fiigsanii oossanii qaban akka nama biyya qabaachaa turetti osoo hin taane akka nama amma lafaa biqilee ykn bulguu magaalaa seenee ykn dhukkuba hamaa biyya seenee fakkaatu.
Kun hunduu ta’ee yoomi, eessatti, akkamiin kun hafuu qabaan gaaffii nama hundaati.
Akkuma beekamu Wayyaaneen Oromiyaarra nu baase biyyoota itti kooluu galetti nu biraa hafuu hin dandeenye, Kun maaliif jennee of gaafachuun furmaataaf nu qopheessa ta’a.
Walumaa gala baqachuun furmaata hin tahu, Kaleessa abbootiin keenya muraasi yeroo qabsootti seenaan kaan ka baqatee biyyaa bahe biyya dhaqetti akka dhadhaa ibidda buutee tahee hafe. Ammas kumaatamnni gootummaan osoo falmanii hidhaa Wayyaaneen gidirfamaa jiru. Ammallee hidhaa keessa taa’aan falmachaa yeroo eegaa jiru. Warreen biyyaa bahanii biyya ormaa kajeelaa jiran ammoo kaan du’ee, kan harkaa ormaan hidhamee gidirfamaa jira. Kaan biyya sadafaa argachuuf imimmaan boo’aa jiran. Garuu Oromiyaan jilmaa fi qinxaaboodhaan halagaaf gurguramaa jirti.
Ethiopian are hunted down
Ethiopian are hunted down
Biyyoonni Arabaa akka nu hin feene duruu nutti himan, ya saree ossoo waan siin jedhani beekte waan siif kennan hin nyaattu jedhani. Ijoollee dubra keenya itti taphachaa ajjeessaa, fannisaa turan duuba nu darbanii biyyattii osoo deebisanii ija qabannee biyya sana dhaquun qaanii qaaniin gadiitti.
Furmaati baqachuun yoo dhufa tahee hagumti kanaan dura baqanne gahaa tahuu qaba.akkuma jedhan yoo qorichaa isa funyaan bitaa jedhan.
Dhaloonni amma jiru baqattummaan furmaata akka hin taane baree furmaata waaraa kan tahe akkamiin akka gabrummaa jalaa bahee biyya abbaa isaa irra bilisummaan jiraatuu lafa kaawwachuu qaba.
Akkuma kaleessa gootonni Oromoo fincila diddaa gabrummaaf Calii Calanqoo, Haannolee, Maqadallaa faa fi guutuu Oromiyaatti godhaa turan gootummaa abbootii keenyaa dhaallee yoo gootummaan diina baqachuu dhiisnee ofirra faccisne dhaloonni itti aanu biyya bilisa ta’e irratti dhalachuu mala taha.
Another Ethiopian immigrant was shot and killed by Saudi Police
Another Ethiopian immigrant was shot and killed by Saudi Police
Yaa ilmaan Oromoo hin sobaminaa, hin rafinaa damaqaa ha’ra qabsootu laafatee jecha jedhu malee akkamiin jabeessinaan hafeera. Kaleessa abbootiin keenya haala haga har’aa hin aanjofne keessatti qabsoo eegalanii sadarkaa kanaan gahanii jiru. Galatnni isaanii kuma kuma. Qabsoo laafate jettee biyya ormaa dhaqanii tufatamuu irra mala ittiin qabsoon shaffisu dhahuun bu’a qabeessa fakkaata. Taa’anii bu’uura qabsoo kaleessaa hamachuu irra bu’uura sanarra dhaabatanii fuula duratti tarkaanfataa ta’uun guddina fakkaata.
Dhaloonni amma jiru dammaquu qaba dhugaa yoo dubbanne haala aanja’aa kan qaroominni maraatee jiru keessa jirra. Kaleessa abbootiin keenya haala hamaa keessatti wareegama qaqqaalii kafalanii asiin nu gahan nutoo dhaloota boriif maal gochuu qabna jennee ofi ilaaluu qabna malee baqannee akka ilmaan bineensa faffacaanee hafuu hin qabnu. Har’a yoo nutti dhagahamuu baatee bor ilmaan keenya nu gaafatuu yeroo sanaaf ammo amma deebii qopheefachuun fardii tahuu qaba.
Egaa haasaan baayyateef har’aate hin fe’anii yaada koo osoon barreessuu fedhuu asiratti goolabaa na ofkalchaa.
Baqatummaan furmaata hin tahu erga biyya ambaatti du’uun hin oolle.

No comments:

Post a Comment