Qabsoon Oromoo kan keessa dabre irraa barachuun dirqii itti ta’a. har’a waan irraa barachuu dandeenyu argachuuf, muuxannoo eenyullee qorachuun nu hin barbaachisu. Qalbii haqaa yoo qabaanneef, waan nuuti keessa dabarre irraa, warra kaaniif dhaamnu hedduutu jira. Bu’aa ba’iin qabsoo OROMOO keessa dabraa jiru salphaa miti. Jaallannus jibbinus Addunyaa haala hammaataa keessa jirtu keessa jirra. Gaaffiin keenya kana keessaan akkamiin milkaa’aa ? jedhanii irratti hojjachuuf qooda ilmaan Oromoo hundaa gaafata.
Inni Qabsoo Oromoo cichoominaan gaggeessaa jirus, inni sababaa gara garaan keessaa ba’ees , inni qabsoo Oromoo akka kubbaa miilaa taa’ee daawwataa jirus, inni lakkii dhiiga ofii waliin dhaabbachuun bakka dhabuudha jedhee mana namaa keessatti rakkataa jirus,inni maaltu na dhibeen keessaa ba’ee addunyaa biraa keessa jirus, inni mee karaa kana yoo ta’e jedhee yaalaa jirus….hundumtuu, har’a Ummata kanaaf furmaati maal akka ta’e kan wallaale hin jiru.
Furmaati addunyaa kana irraa eeggannu hin jiru. Biyyoota haqa keenya odoo beekanii dantaa isaaniif nu ukkaamsaa jiran irraa waan eeggannu hin jiru.har’a dhaabbilee mormitootaa jiran irraa gonkumaa waan eeggannu hin jiru.hunda irraa jechuu ni dandeenyaa waan irraa eeggannu hin jiru. walii keenyaaf qoricha ta’uun keenya har’a ifadha. haala akkasii keessatti waan nu barbaachisu waggaa 100 booda waan wal gaafannu hin qabnu. waan nu ijaarus, waan nu diigus, waan nu laamshessus, waan nu gufachiisuus tokko tokkon beekna. Dhibee keenya kana diinni ammallee itti mikaa’uuf nu irratti hojjachuun kaayyoo isaati. Dirqama isaatis. Isatu isa jiraachisa waan ta’eef. Kan nu dinquu qabu, waan diinni nu irratti hojjatu kana irraa baraaramu dhabuu keenyadha.
Yeroo hedduu Gandummaa, dhimma Amantii fi Angoof bololuutu qabsoo keenya miidhaa jira jennee dubbanna. Garuu summiin jireenya hawaasummaa keenya keessa facaafamee, guyyuu wal nu dhamaasaa jiru qoratanii Ummata Biyya keessaas ta’uu Biyya alaa barsiisuun dhibee keenya adda duraa ta’uu ol kaafne dubbachaa hin jirru. hundeen qabsoo oromoo ititu isa dhorku isa kana. Dhalli Oromoo Ani Oromoodha ofiin jechuutti ni boona. Oromoodha ofiin jechuun duuba kan jiru keessa jiraachuu fi dhiisu isaa garu hin qalbeeffatu. Ani Oromoodha ofiin jedheen, waan na keessa jiru waan gabroonfattoonni na keessa tuulan waliin jiraadha taanaan jireenyi koo hawaasa Oromoo waliin tarkaanfachuuf na rakkisa. Keessi koo sabboonummaatti amana yoo ta’ee, jireenyi hawaasummaa warra halagaa na keessaa sirbuu hin qabu. Abshaalummaa fi haxxummaan gabroonfattootaa na keessatti mana ijaarrate odoo jiru , akkamiinan jireenyi hawaasummaa Oromoo maal akka ta’e beekuu danda’a ?
Jireenya hawaasummaa Oromoo keessa kan halagaan nu harkaa fudhatee ittiin jiraataa jiruu fi nuuti isa dhabnee ofittummaan nu maraachu hedduutu jira. Halgaan ibsituu eenyummaa keenya gaafa Ummata keenya keessaa baasu yaalu, yoo danda’e bara baraaf akka nuuti of hin taanefidha. Nuuti ammo sabboonummaatu nu keessa jira jennee itti amanna taanaan shirri diinaa nu keessaa maal hojjata ? of keessaa baasuutu nuuf qoricha. Fakkeenyaaf, sirna hangaafaa fi quxusuu hawaasa Oromoo keessa jiru, Addunyaa keessaa kan qabu jira natti hin fakkaatu. Waan umama keenya waliin jiru malee kan barannee miti. Kun har’a nu keessa jiraa ? yoo jenne deebiin laatamu malu, waan jiru irraa hubachuu dandeenya. Ofittummaa har’a guyyuu nu miidhee qophaa nu fiigsaa jiru aadaa Oromoo keessaa waan kana calaqqisiisu jiraa ? jennee yoo gaafanne, jireenya gamtaa yk waloon kan callaqisu qofaa arganna ? maarree eessaa dhufe ? nu diiguuf diinni nu keessa kaa’e. diinni itti milkaa’eera. Nuuti garuu ittiin miidhamneerra. Sobuun aadaas ta’u jireenya hawaasummaa Oromoo keessa gonkumaa hin jiru. maarree eessaa fidine. Gabrummaa waliin dhufe. Hayyee gabrummaa jibbina ega ta’ee maaf sobuu hin jibbine ? deebii isaa isinumaafan dhiisa. Hattummaan Umama Oromoo keessa jiraa ? aadaa jiru hundaa keessa hin jiru. saamichoo jireenya hawaasummaa keenya keessa jiraa ? maarree eessaa fidine.kan diinaati. Hayyee har’a ega nuu galee maaf of keessa hin baafne ?
Walii gala waan gurguddaa Qabsoo Keenyaa fi tokkummaa keenya diige jennee kan yaadnu caalaa , sadarkaa dhuunfaatti kan adda nu baasu, yeroo tokko tokko ammo, ofiima keenya bakka lama akka of dhaabnu nu taasisu hedduutu jira. of ialaaluu, wal barsiisuun , aadaa keenya hin taane kana of keessaa baafnee Oromummaa haqaattii of deebisuun hojii keeny adda duraa ta’uu qaba. kana hojii irra olchinaan ofittummaan dhabamee Ummata Ofiif of wareegutu dhufa.kan ittin of ibsinuu fi keessa keenya jiru walii faallaa ta’uudha. Kana irratti hojjachuu qabna. Beektoonni keenya baratanii of keessatti qabatani jiraachuu irra hawaasa isaanii barsiisuutu sabboonummaa isaanii ibsa. waan Oromummaa keenyaaf gumaachinu garuu, miira yeroon guutamne waan hojjannu miti. Dirqama sabummaa ta’uutti amanu barbaachisa. Kana hubachuu dhabuu keenyatu, addatti Biyya alaa keessatti takkaa nu sirbisiisee , deebise nu teesisa. Kaleessa fakkeenya hawaasa Biyyoota alaa keenyaa ta’an har’a keessa ofitti deebi’anii of huruursaa jiran.
Bilisummaaf murachuu jechuun, kubbaa miilaa taphachuuf qophii taasifamuun waan wal qabatu tokko illee hin qabu. Tapha kubbaa miilaa Daanyaan gaggeeffamu, na gufachiisee, na qabee ……. Jedhanii yeroo maraa himata itti dhiheessanis of keessaa hin qabu. Namni Bilisummaa barbaadu, natti hin bu’iinaa jedhee akka kubbaa miilaa ol utaalu yoo barbaade, rasaasa jalaas miliqe jechuu miti. Diina lammii isaatti dhukaasaa jiru, daanyaa waamee fiingee naa afuufii jedhee itti kadhatus miti. Waa hundaa itti wareege, jireenya dhuunfaa dhiisee waan gaggeessutu achin isa ga’a. qabsoon Bilisummaa hojii lammaffaa gonkumaa ta’uu hin danda’u. kanaaf lubbuun itti wareegamaa jira.
Namni Oromummaa jireenya Oromoo isa umamaa irratti hundaa’e qabu, cichoominni sabummaa isaa fi dhala Oromoo maraaf qabu ammuma sana. Gandummaa fi Amantii wal qooduun kan mana irratti ijaarratee jiru, warra adeemsa halgaa osoo hin beekne isaan keessaa isaan dursaa jiruunidha.Qabsoon inni hangafaa Qabsoo of irratti gageeffamuudha. Namni waan kakaafne kana of keessaa baasuuf qabsoo of irratti hin gaggeessin, bakka jiruutti miidhaa ofii fi saba isaa irraan ga’uun waan hin hafne. Kanaaf , milkiin Qabsoo keenyaa qawwee dhabuu keenyaan yk qabaachuu keenyaan qofaa odoo hin taane, jireenyi hawaasummaa kolaafamuu isaan akka hankaaku hubachuu nu barbaachisa.
Gantummaan aadaa keenya keessa yk jireenya umamaa keenya keessa jiraa ? dur waan akkasii hawaasa kana keessatti yoo mul’ate maal godhan ? diibii isaa warra beekumsa isaa qabatanii bara baraaf hammatanii taa’aniifan dhiisa, garuu Gantummaan Oromoo keessatti heddummaataa dhufee sadarkaa OPDO irra maaltu geesise ? yoo jenne deeniin isaa Hiwahaati odoo hin taane, nuudha.Bara gabrummaan qabamnee kaafnee warri ummata isaanii ganan, hawaasa isaanii irraa balaaleffannan ala waan irraa baratan waan hin argiiniif, har’a miliyoona ga’aa jiran. Warri akkasii diina jala kurkuruun aadaa keenya jechuu irra ga’aniiru. Muuxannoon addunyaa akka ibsutti, warra akkasii Adabbii dhaloota itti aanu waan akkasii irraa baraaruun goolabanii injifannoon jiraacaa jiran. Keenyawoo ?
Walii gala amma cufannutti Dongorachuun ni danda’ama. Wayyaaneen Ummatuma Oromoo Biyya keessa isa jiruu fi Biyya alaa isa jirutti adda baasuuf shirri gaggeessaa jirtu lakkoofasa hin qabu. Isa ala jiru karaa kamiinu of irraa ittifne, isa keessaa gadi qabnee jiraanna jechaa jiranim !!!!!!!l galiin keenya inni guddaa amma ga’utti jireenya hawaasummaa keenya bu’ura hegaree keenyaa irratti hojjachuun qaama qabsooti. Waan nuuti akka dhunfaatti tuffannu, guddataa dhuftee har’a qormaata nutti ta’u irraa barachuu qabna. Beektoonni Oromoo kaayyoo wayyaanee Biyyaa baafteef ((afan qabatanii akka taa’aniif)) cabsanii waan ummati kun umama isaa qabu itti lallabu qaban. Gadaa Gadaa jenna. Dhalooti har’aa Gadaa akkamiin beeka ? hawaasa keessa gadi dhaabuuf yeroo gaafataa ? dhalooti har’aa akka hubatuuf maaltu hojjatame ? kun bu’aa maalii qabaa jenna ta’a ? garuu dhalooti borii gaaffii qabeenyaa isaa kanaa hubachuun gaffiin jiru waggoota 50 boodallee akka itti fufu taasisa. Gadaa fi waan addunyaan itti jirtu kana akkamin wal simsiisu ? waan waggaa meeqa itti baratan fuudhanii deebi’uun maal godha. Irratti hojjatanii Ummataan ga’uun qabsoodha
No comments:
Post a Comment