Amajjii 13,2016 Ibsa ABO Irraa Kenname
ADDA BILISUMMAA OROMOO
Motumman Wayyaanee waggoottan 24 darban kana dhaaba OPDO jedhee ofii akka fedhee
ajajuu fi ergatu ijaarrate of fuuldura qabatuun labsiilee, ibsoota, murtiilee siyaasaa fi lolaa
akkasumas biyya isaa Oromiyaa irratti murtii jajjaboo kan jireenya, qabeenyaa fi hiree Oromoo
guddaa miidhan garuu ummatni Oromoo dhugaan kan bakka isa bu’u keessa hin qabne labsaa fi
murtii dabarsaa bahe. Murtiileen kunii fi labsiin kun maqaa mishoomaa jedhuun samicha, biyya
tiksuu jedhuun lola Oormoo hin ilaalle irratti ilaamaan Oromoo ficisiisuu, shororkeessitoota
irratti duula jechuun Oromoo mataa isaa irratti loal labsuun hidhuu, ajjeesuu fi ukkaamsuu
raawwataa bahe. Ammas dabni kun nu irratti hin dammaqamne jechuun ibsa kijibaa fi
fakkeessaa waan Master Plan Finfinnee ilaaluu OPDOn akka labsu godhuun akkuma kana
duraa daba dhaaba Kanaan qabatee Oromoo irratti hojjatu itti fufuuf kan of booda hin deebine
tahuu agarsiisuu illee ummatni Ormoo ammaan booda lammata ibsaa fi labsii kijibaa fi
fakeessaa akkasii akka hin sobamne diinaafi firaafis mirkaneessa. Labsii fi ibsi dhaabni OPDO
kaleessa TV Oromiyaa irratti bahuun Master Plan magaalaa Finfinnee fi godinaan addaa
Oromiyaa nannoo Finfinnee guutummatti akka haqamu; Oromiyaan faayidaa adda Finfinnee
irraa argattuu kan jedhu seera keessaa jiru akka hojii irraa ooluuf OPDOn irratti hojjatuu; ;
labsii bulchinsa magaalota Oromiyaa haaraa bahe keessaa keyyata ummatni hin feene irra
deebihamee akka foyyaawuu kkf jedhee gara qabxii 8 baase OPDOn ofiifuu tohannaan diinaan
fi hidhaa keessa kan jiru waan tahee fi dhimmoota kana irratti murtii dabarsuu aangu waan hin
qabnee fi bakka ummata Oromoo bu’ee dubbahcuu waan hin dandeenyeef ummatni Oromoo fi
ABOn ibsa kana tasa kan hin fudhatamne tahuu beeksisa.
Ummatni Oromoo waggoota dheeraaf qabsoo kan adeemsise mirga seeraa fi uumaan qabu
kabajsiifatee hiree isaa murteeffachuu, sirna dimokraatawaa fi bilisummaan keessatti
mirkanaawe argamsiisuu dhaan nagaa waaraa fi amansiisaan jiraatuufi. Kun guutummaatti
fedhii fi hawwii ummata Oromoo tahullee akeekni eebbifamaa kun kanneen ummatoota
hacuucaa fi saamaa jiraachuu murteeffataniin hin guutamiin jiran.
Bittootni Itophiyaa kaayyoo ummatoota ittiin saamaa fi hacuucaa jiraatuu irraa jijjiiramuu
hanqatuun har’a iyyuu Itophiyaa biyyoota tarree hiyyeeyyii keessatti ittisaa jira. Lammiilee
miliyoonotaan lakkaa’aman beela keessatti gaadi’ee dhoortoon akka jiraatan dirqisiise. Yeeroo
ammaa ammoo haalli Itophiyaa keessaa waliigala addatti ammo haallii Oromiyaa keessaa daran
hammaatee jira. Lammiileen beela’oo miliyoonotaan lakkaa’amu. Kan lafa isaanii irraa
buqqafamanis akkanuma. Jiruudhablummaan kanneen mankaraaran kuma dhibbootaan
herregamu. Kanatti dabalee bittootni bittaa isaanii itti fufsiisuuf karoorri eenyummaa ummata
Oromoo irratti xiyyeeffate baafatuun ummata Oromoo caalaatti dheekamsiisee mirga isaaf
akka falmatu taasisee jira.
Bittootni Itophiyaa jalqabaa hanga ammaatti, ummatni Oromoo mirga isaa akka hin gofatneef
shira adda addaa fi hammeenya gara garaa raawwatuun of jireessan. Oromummaan akka
keessatti hin dagaagne taasisuu, sabummaan xiqqeessuu, lafa isaa irraa buqqaasuun
eenyummaa, seenaa fi aadaan isaa akka dhabamu taasisuun shiroota mootummoota Itophiyaan
hojjataman bebbeekamoo dha. Ummata Oromoo magaalaa Finfinnee fi naannoo irraa
buqqaasuun lafa isaa dhuunfachuu dhaan eenyummaa bittootaa irratti gadi ijaaruuf yaaliin
godhamaa jiru qaama shira kanaa ti. Ummatni Oromoo daba diinaa kana hubatuun Master Plan
karoorfame akka kaafamu karaa nagaa gaafatullee deebiin kennameef dhibbootaan ajjeechaa,
kumaatamaan hidhaa fi reebichaa jumulaa ti. Karoora eenyummaa Oromoo irratti xiyyeeffate
kana dura dhaabbatuu irrattis wareegamni lubbuu fi qaamaa baafame kan kanaan dura biyyattii
keessatti mul’ate irra dachaa hedduun caala.
Master Plan dantaa bittootaa guutuu fi dhabama ummata Oromoon bittoota duroomsuuf
raggaafame kun wayta labsametti jaarmayaan ummata Oromoo bakkan bu’a ofiin jedhu OPDO
homaatuu akka irraa hin beekne ibsa hogganootni jaarmayaa kanaa kennaa turan irraa
hubatamaa ture. Kun karoorichi Wayyaaneen hiccitiin wixinamee, Wayyaaneen raggaafamee
akka hojii irra oolfamuuf itti kenname tahuu mirkaneessa. Karoorri Wayyaaneen baafame kun
kan eenyummaa Oromoo dhabamsiisu tahuu irraa ummatni Oromoo wayta mormuu eegalettis,
Wayyaanotni akkuma aadaa isaanii gaaffii ummataa tuffatuun ‘Jaallattanis jibbitanis hojii irra
oolfama “ deebii jedhu kennan.
Ummatni Oromoo mootmmaa Wayyaanee keessaa bakka bu’aa fi qooda homaatuu akka hin
qabne beekamaa dha. Kanneen isa bakka buuna jedhan kanneen kabajaa namoomaa hin qabne,
tajaajiltuu fi ergamtuu tahanii jiraatuuf murteeffatan, jilbeenfatanii buluu kabajaatti fudhatan
qaamaa fi qalbiin gabrooman tahuu irraa takkaahuu ummatni Oromoo akka bakka bu’aa isaatti
hin fudhanne. Ummatni Oromoo isaaniin iyyuu bilisa baasuuf kan qabsaa’u tahuu hubachiisuun
ashkarummaa jalaa akka of baasan gorsaa fi barsiisaa har’a gahe. Sabboontoonnii jarmyaa kana
keessaas kana sirreessuuf wareegama baayyee baasan; ammas baasaa jiru.
Jaarmayaan Jalee Wayyaanee OPDO marii master plan wixinuu fi raggaasuu keessatti qooda
homaatuu akka hin qabne, hojii irra akka oolchuuf olii itti dabarfamuun osoo ifatti beekamuu
akka waan aangoo irratti qabu Amajjii 12, 2016 karoorri master Plan guutummaatti haqamuu
isaa ibsa baaseen beeksisee jira. Labsi maqaa Koree Gidduu OPDOn bahe kun Karoorri master
plan kaafamuu ibsuu kun ummata ittiin gowwoomsuu fi sossobatuun haala qabaneeffatuuf
akka tahe hubatamaa dha. OPDOn labsa kana baasuuf mirgas tahe aangoo waan itti hin qabneef
haquu fi kaasuus mirga hin qabu.
Sadarkaa duraatti karoora master plan kan wixinee raggaasuun ifa godhe mootummaa
federaalaa ti. Kan ibsa itti kennaa tures qondaalota mootummaa Federaalaa Wayyaaneen
durfamuu ti. Karoora irratti hin mari’anne, wixinuu fi raggaasuu keessatti hirmaannaa hin
qabne kaase jedhee labsuun OPDO qoosaa fakkaatu illee tahe jedhamee ummata Oromoo
gowwomsuun sochii isaa tohatuuf kan qindaawe tahuun ifaa dha. Kan waan Master Plan
qabatee rakkina siyaasaa fi waraanaa ummta Oromoo irra gahe gaafatamtama fudhatuu fi
kaafamuu beeksisuu qabu mootummaa Federaalaa ti.
Kana waliin kan ilaalamu mormiin ummata Oromoo jabaatuu irraa murtii ummataa fakkeessuun
karoorri kun akka hojii irra oolfamu taasisuuf, wal gahii duraa Caffee Oromiyaa irratti
dhiheeffamee mariin alatti ajajaan murteeffame. Kanaaf murtii ajajaan Caffeen dabarse kan
kaasuu danda’u Caffee malee OPDO miti. Kanaaf muddamsuu irraa ummata sossobatuuf ibsi
jaarmayaa Amajjii 12 baafame kan seeraa fi tartiiba hin hordofne shiraa fi hammina ummata
Oromoo irratti yaadame waan taheef fudhatama hin qabaatu.
Sochii ummatni Oromoo marraa kana bittaa gabrummaatti xumura godhuuf itti jiru jabaataa fi
bal’ataa dhufuun, osoo addaan hin citne baatii lamaa oliif adeemsifamuun kan yaaddesse
mootummaan Wayyaanee jaloota isaa ajajuun akka karoorri master plan kaafametti akka ibsa
baasan ajajuun gaaffii ummata Oromoo gaaffi master plan qofa akka tahetti dhiheessuu
barbaaduu irraa ti. Haa tahu malee gaaffiin ummata Oromoo gaaffii master plan qofa akka hin
tahiin diddaa amma itti jiru keessatti qofa osoo hin taane isaan durattis yeroo gara garaatti
agarsiisaa ture. Waan taheef hanga sirni gabrummaa Oromoo irratti waggaa 140 ol jaare
kun xumura itti godhamuu mirkaneeffatutti qabsoon ummataa itti fufa malee hin
dhaabbatu.
Gaaffiin ummata Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa ti. Gaaffii biyyaa fi qabeenya isaa irratti,
dhimmi siyaasaa, dinaggee fi lolaa irratti murteessaa fi ajajaa tahuu akka hin dhaabbatne
diinaafis firaafis mirkaneessa. Oromiyaa biyyaa isaa irratti gaaffii dimokraasii fi bilisummaa ti.
Kana waan taheef karoorri master plan kaafameef ummatni Oromoo qabsoo isaa dhiisee
manatti dacha’a jedhanii eeguun of gowwoomsuu taha. Ummatni Oromoo gaaffii isaa kana
ammo qabsoo isaatiin deebii argamsiisaaf malee, kanneen ofiif iyyuu bilisummaa hin qabne,
xiqqaatanii fi salphatanii jiraatuutti hin qanfanne irraa hin eeggatu. Injifannoo Ummata Oromoof! Adda Bilisumaa Oromoo Amajjii 13, 2016
No comments:
Post a Comment