Leelloo Sabaa irraa
Oromiyaa fi firoottan isii biratti, Amajjiin tokko, guyyaa gammachuu dacha ti. Guyyaan kun, guyyaa ganna dullacha keessaa gara ganna ykn waggaa haarayaatti itti tarkaanfatan qofa osoo hin taane, guyyaa Waraana Bilisummaa Orommoo (WBO) ti. Amajjiin tokko, guyyaa WBO akka ta’u hoogganni ABO (Addi Bilisummaa Oromoo) murteessee kabajamuun kan eegale bara 1980 irratti.
Barooti 1980 dura turan, baroota itti WBO’n haala akkaan rakkisaa fi wal-xaxaa keessa seenee of jiraachiisuuf qormaatni hamaan itti isa mudate ture. Barooti kun, bara WBO’n duubaan waraana weerartuu Ziyaad Baareetiin; fuulduraan ammo, waraana weerartuu Ixoophiyaa Dargiin hoogganamuun marfama keessa seene oggaa ta’u, keessaan ammo, bara itti foxxooqiinsi fi jeeqamsi keessaa itti isa mudate ture. Humni WBO oggus qacalee haa turu malee, taankiii fi xiyyaaraan duubaa fi duraan duula Dargii fii Ziyaad Baarreen irratti banamee fi foxxoqiinsa keessaan isa mudate hunda injifatnoon irra aanee jireenya isaa waan mirkaneesseef Amajjiin tokko, barri 1980, guyyaa WBO ta’ee labsamee guyyaa san irraa eegalee waggaa waggaan kan kabajamuu dha.
Marfama duraa fi duubaan isa mudate, akkasumas, foxxoqiinsa keessaa hunda cicciree dhabama irraa of oolchuun injifatnoon waggaa haaraa Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO’f meeshaa guddaa ta’an keessaa: jaalala ABO fi Oromiyaa,jaalala hooggana ABO, of keniinsa, cichoomina ykn amanamummaa kaayyoo, sabaa fi of irratti abdachuu, obsa, muratnoo,naamusa, tokkummaa, gootummaa fi wareegama baasuuf fedha qabaachuu dha. Qacalummaa isaatti WBO bal’eessuuf kan diinni duraa fi duubaan, akkasumas, keessaan irratti karoorfate hunda irra aanee jireenya isaa fi kaayyoo walabummaa Oromiyaa tiksuun Amajjii tokko bara 1980 akka kabaju kanneen WBO gargaaran, amaloota warraaqsaa akka sibiilaa jabaatu fi haallen kamuu keessatti hin raafamne kana qabaachuu isaa ti. Waan kana ta’eef, Amajjiin tokko, amaloota kanneen akka: jaalala Oromiyaa, Oromiyaaf wareegama baasuu, ummata ofii fi kaaayoo isaaf amanamummaa qabaachuu, muratnoo, of keniinsa, gootummaa, hooggana ofii jala deemuu fi rakkoo keessatti obsa qabaachuun rakkoo kamuu keessa nama baasuu kan danda’u ta’uu guyyaa itti :kabajnu, wal yaadachiifnu fi amaloota kana hin qabnu yoo ta’e horatuuf itti murtii fudhanuu dha.
Miseensota ABO fi WBO’f, Amajjiin tokko, mallattoo (symbol): jaalala Oromiyaa, gootummaa, cichoomina fi amanamummaa biyyaa, of keniinsaa, muratnoo, gootummaa, tokkummaa, obsaa fi naamusaa waan ta’eef, guyyaa itti barbaachisummaan amaloota kana irra deebi’amanii itti yaadatamanii fi itti farfamanii dha. Amalooti kun, meeshaalee WBO waan ta’aniif, fuuldurattis, jireenyaa fi injifatnoo WBO’f murteessummaa isaan qaban miseensoti ABO fi WBO guyyaa itti wal yaadachiisanii dha.
Amalooti kun, akeeka kamuu bakkaan gahuuf meeshaa haalaan cimaa waan ta’aniif, WBO’n amaloota akkasii hidhatee socho’u, akeeka walabummaa Oromiyaa bakkaan gahuu akka danda’u shakkiin hin jiru. Ummati Oromoos ta’eu ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa martii, amaloota WBO’n ittiin of jiraachisee kana horatuu fi yoo qabaatan ammo tikfachuu qofati jireenya fi akeeka isaanii akka mirkaneessu beekuu qabu . Amaloota kana qabaachuu fi tikfatu qofi: gabrummaa, ajjeechaa, hidhaa, dhiitama mirga dhala namaa, saamicha, tuffii fi salphina keessaa akka ummata Oromoo baasu beeknee, hundi keenya amaloota kana horachuu fi tikfatuu akeeka keenya kan waggaa kanaa haa taasifannu.
No comments:
Post a Comment