Leelloo Sabaa irraa
Taankii, olola, gorsitoota fi oggessota farra bilisummaa fi dimookraasii biyya ambaa irraa bitatee itti fayyadamu illee, milkaahuu kan hin dandeenye mootummaan Wayyaanee, ammaan tana, tarkaanfii abdii kutannaa fi kan dhumaa fudhachaa jira. Haala kanaan: barsiisota, barattoota, manguddoota, matooti amantii adda addaa fi maatota barattootaa Oromoo keessaa garii: hidhaa, ajjeechaa fi saamichaan sodaachisee “Ye Selaam Hayil” ykn “humna nageenyaa” jechuun ijaaree barattoota fi qeerroo bilisummaa Oromoo irratti duulchiisuuf karoorfatee jira. Dirqammi qaama kanaa: “Barnooti bilisummaa booda” jechuun fincila barattooti Oromoo geggeessaa jiran cabsuuf barattoota dirqanii mana barnootaatti deebisuu, barattoota: imaammata Wayyaanee, dhiitama mirga dhala namoomaa Wayyaaneen ummata Oromoo irraan gahaa jirtu fi saamicha dachii ykn lafa Oromoo irratti geggeeffamaa jiru morman basaasuu fi dabarsanii Tigrootatti kennuu, akkasumas, Investment Tigrootaa naannoo isaanitti argamu, baasii mataa isaaniitiin tiksuu dha.Karoorri Tigrootaa fi OPDO kun, Oromoo fi Oromoo, abbaa fi ilma,manguddootaa fi qeerroo Oromoo, akkasumas, barattootaa fi barsiisota, amantootaa fi matooti amantii Oromoo gargar qooduu fi wal rukuchiisuun Fincila Xumura Gabrummaa gara galii isaatti fiigaa jiru dura dhaabbachuun umurii :cunqursaa, saamichaa, ajjeechaa fi hidhaa Oromiyaa fi Oromoo irratti dheereffachuufi. OPDO irraa abdii kutachuudhaan, shirri haarayaan bifa kanaan ummata Oromoo irratti xaxamaa jiru kun,akeeka hundee, kan bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa gufachiisuuf akka ta’e ifatti beekamuu qaba.
Kanaaf, “Ye Selaam Hayil” ykn “humna nageenyaa” jechuun baadiyaa Oromiyaa mara keessatti ,jaarmaa cubbuu fi hammeenyaa Tigrooti fi OPDO’n ijaaruuf sochii irra jiran kun, dhiitama mirga dhala namoomaa ummata Oromoo irratti raawwachuuf qofa osoo hin taane, Oromoo fi Oromoo wal irratti duulchisuun Oromoon yakka akka wal irratti hojjetuuf shira xaxame ta’uu beekne, karoora sheexanaa kana balaaleffatuu, hammenya isaa walbarsiisuun ummatni Oromoo akka irraa hin hirmaanne godhuun fashalsiisuu qabna. Arma duras, shira Wayyaanee hedduu kukkutnee tokkummaa keenya tikfannee waan har’a geenyeef, cubbuu fi hammeenya haarayaa maqaa “Ye Selaam Hayil” jedhuun Wayyaaneen ummata Oromoo irratti xaxaa jirtu kana irratti dammaqnee billaa nuuf qarame kana doomsuun tokkummaa keenya haa tikfannu. Akeekni bu’uraa “Ye Selaam Hayil” kaayyoo bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa dura dhaabbachuun Oromoo irratti: ajjeechaa, hidhaa fi saamicha wayyaanee itti fufsiisuu waan ta’eef, shira kana fashalsiifnee akeeka Fincila Xumura Gabrummaa bakkaan gahuuf sochii baatilee torban darbeef tokkummaadhaan geggeessaa jiru daran cimsinee itti haa fufnu. Walabummaan, bilisummaan, kabajaan mirga dhala namoomaa Oromoo, nagaan, badhaadhinni fi gammachuun Oromoo,kufaatii sirni gabroomfataa Wayyaanee fi Walabummaa Oromiyaa qofaan mirkanaawa waan ta’eef, gufuulee Wayyaaneen karaa bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa duratti darbuuf carraaqxu hunda :tokkummaa, gootummaa fi morannoo wareegamtoota keenya irraa dhaaleen haa fashalsiifnu. Karoorri cubbuu fi hammeenyaa inni ummata Oromoo irratti baafate, akkuma arma duraa, ammas bakka gahuu akka hin dandeenye beekee, mootummaan Wayyaanee, karaa nagaan Oromiyaa gadi dhiisee bahuu ykn awwaala isaa qotatuu keessaa yeroo inni itti filatu har’a.
Injifatnoon Ummata Oromoof !
No comments:
Post a Comment