Damee Boruu irraa
Torban darban lamaan dura olola Qeerroo Bilisummaa Oromoo irratti baname dhaamsuuf qaamne Qeerroo Bilisummaa Oromoo ibsa bifa adda addaan kennuun ni yaadata. Ibsa kenname kana keessa tokko miseensi QBO akkaataa qeerroon itti ijaarame, miseensa koree jiddhuu meeqa akka qabaachaa ture, meeqa akka hidhamanii fi meeqaa akka jiran ibsuudhaan ibda isanitti qabate akka dhaamu yaallii guddaa godheera. Yaroon ibsa isaa kana dhaga’u qaama kootu na sooka’e.
Warra Qeerroo irratti ka’e kana ibsi quubsuu fi gammachiisu danda’u tokko illee akka hin jirree Qeerron Bilisummaa Oromoo hubachuu kan dhabaniif muxxannoo siyaasaa Oromoo ala (diaspora) kana waan hin qabneef. Anaa haa dhufu! Baga kunoo isinis siyaasaa Oromoo biyya alaa kanatti dhuftan. Gara wagaa afurtmaa oliif namni Oromoo ala jiru siyaasaa kana fakkaatuun yaroo isaa dabrse. Internetiin yaroo ormi ittiin of ijaaree, of gurmeessee , ittiin humnaa fi horii horate: namni Oromoo, dhoqqee wal dibuudhaan , maqaa wal xxurreessee, wal ajjeesee , harki guddaan nama irraa baqatee jiereenya namumaa isaa qofumaa akka hordofaa jiraatu godhee jira.
Akka hawwii fi ilaalcha uummata Oromoo biyyaa keessatti diinaan okkamamee bokkee taa’utti Oromoon ala jiru ijaaramee kan bilisa isaan baasuu itti fakkaachuun ni mala. Namni biyyaa keessaa jiru isa alaa abdiin akka eegachaa ture hin dhagaama. Garuu, Oromoon ala jiru kun diina caalaa wal irratti boba’ee wal daakkuu fi wal balleessuu irratti yaroo isaa balleessa malee waa’ee diina Oromoo isaa duraa kan tahe TPLF irratti warri xiyyeefatu xiqqoo dha. Nama biyya jiruuf, keessaattuu namni ala jiru kun waan baratee beekumsa guddaa qabu itti fakkaata. Kan ala jiru kun irra guddaan isaa barataa utuu hin taaane baqataa dha. Irraa guddaan kan biyyaa baheef jireenya foyyaa argachuuf. Warri du’aa fi hidhaa baqaatee ykn qabsoo uummata Oromoo irraa qooda fudhachuuf bahe baayyee xiqqaa dha.
Warra baratan keessa amma danda’an qabsoo uummata Oromoof gummachuuf jireenya isaanii guutuu war badadan jiru.Warri kun ololi isaan irratti oofamus, dakkaan itti darbamuus hin duutu jedhanii doorsisamaniis warra of booda hin jenne muratoota. Utuu warri murannoo akkana qaban hin jiraannee silaa har’a kaayyoon bilisummaa saba keennya ni qaqallata. Garuu irraa guddaan warra baratee maal godha yoo jenne waggatti yaroo tokko walitti dhufanii akkaataa itti qotanii fi horii horsiisan hasa’u. Utuu barumsi isaanii kun uummata keenya qotee fi horii horiisee jiratuuf kan darbu tahee bu’aa guddaa qaba. Garuu biyyaa ala kana keessaatti namni qotuu fi horii horssiisu waan hin jirreef ufumaa waan barabtan walitti himuuf malee ala kanatti bu’aan isaa xiqqaa dha.
Maaliif warri baratee kun walii galtee tokkoon mootummaa TPLF kan uummata Oromoo lafa irraa duguugaa jiru kana irratti qabsoo xiyyeefachuu dadhabe ?, jennee yaaduun ni mala. Sababni isaa hedduu dha. Baayyee wal madeessee jira. Wal sodaata , wal hin ammanu. Irraa guddaan isaa dhaabbii hin qabu. Gara humni jabaateetti akka” fincaan itillee irraa gagalagalaa” bula. Bakkaa har’a jiru boru hin jiru. Kaayyoo ittiin bulu hin qabu. Yaroo barbaade biyyatti deebi’ee mootummaa TPLF wajjiin investmentii godha. Yaroo barbaadu immoo itti gaaffatamaa ijaarsota Oromoo of mogaasa. Warrii Qeerroon Bilisummaa Oromoo ibsa kennuuf baayyeen isaanii warra haaduu qara lamaa Kana. Utuu Qeerroon bilisummaa Oromoo dadaffiin ijifannoo agarsiisee jiraate wajjin tahanii waan argatan butachuu irraa booda hin jedhan. Yoo qabsoon kun kan dheeratu tahe garuu harca’aadhuma TPLF isaanii wayya. Kanaafuu ija qeerrootti biyyii naqanii gara isaaniif bu’aa qabuu TPLF deemuu filatu.
Waan adda baafnee fageessinee waa’ee saba keenyaa hubachuu qabnutu jira. Dhalootni qubee biyyaa Oromiyaa jedhamtu keessatti dhalatanii guddatan. Akka Oromotti waliin dhibamanii, waliin dhiitamanii tufattamanii guddatan. Waliin saamaniin, waliin hidhamanii, waliin waxxalamanii kabajaa saba isaaniif jecha waliin dhiiga isaanii lolaasanii as gahan. Haalli kun Sab –boonummaa oloaa fi sobni hin diignee dhaloota kana keessatti uummee jira.Tokkummaa fi iccittiin Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka sibilaa jabaatu haala kana keessa madde. Diinni Uummata Oromoo isa duraa kan tahe Mootummaan TPLF kan Qeerroo Bilisummaa Oromoo cabsuu dadhabeefis sababni guddaan kana jedheen amana. Dammaqnsi, ogguummaa fi beeksuumsi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ol aantummaa akka qabu illee dagachaa hin jiru. Kabajaa guddaan qabaafis.
Karaa biraa diinni keenya uummata keenya bara dheeraa bituuf tooftaan itti gargaarame ture naannoo fi amantiin gargars baasuudhaani.Tooftaan kun bara dheeraa hojjeteef jira. Haalli naannoo fi ammantiin Oromoota gargar baasuun dhaloota qubee keessatti hin hojjennetu. Namootni ala jiran dhaloota qubee hin waan taaneef ammallii adda addaa keessatti mul’atu hojii ijaarsaa fi tokkummaan ka’uuf gufuu guddaa tahaa jira. Namnotni mootummaan TPLF horii itti dhagalaasee basaasummaa irratti boba’anii jiran uttu maalummaan isaanii beekamuu warri maqaa naannoon ammatanii taa’an jiru. Basaastonni akka humni Oromoo hin jabaannee Oromoota jiddutti ololaa fi gargar tamsaasaa, qaawwaa argatan hundaan nu keessa seenanii qabsoo saba keenyaa booreessuuf tattaaffachaa , oduu argatan maraa gara mootummaa TPLF dabrsu.
Sababani inni guddaan ABO takkalamee jiru keessaa tokkoo dhugaan dhabamuu. Ijaarsa tokko keessatti namni kaayyoonis tahe tooftaan adda tahuun wanuma jiru. Ijaarsi tokko yoo hin hojjetu tahe irraa bahanii kan hojjechuu danda’u ijaaranii qabsoo fiinsisuun waan qabsawwota irraa eegamu dha. Namni Oromoo Dargii keessattis tahe Motummaa TPLF jalatti mi’aa aangoo qabaaachaa turan, gaafa achiii bahan akkeekni isaanii inni duraa ABO seenuu dha. ABO keessatti waan qaban kenanii, lubbuun ofii iyyuu utuu hin hafan bakka itti badadan malee bakka bu’aa irra argatan miti. Yaroo sana argan akkuma dhufanii darbu. Darbuu qofa miti maqaa ijaarsa ABO fudhatanii deemu. Kaayyoo Bilisummaaa ABO uummatni Oromoo fudhachuu isaa waan beekanii yoo bu’aa qabaatee jedhanii maqaa ABO jedhu ofitti maxxansanii deemu. Ijaarsa miti hoomishi dinagdee iyyuu maqaa daldalaa itiin beekamu qaba. Maaliif maqaa ijaarsaa wal harkatti qabuun barbaachisaa tahe? Yoo barbaadanii sagantaa ABO jijjiree jirra jedhu. Maqaan immoo sanuma. Kun hunduu bareedaa jennee haa fudhannu. Aadaa fokkisaa ijaarsotaaf kaayyoo siyaasaa tahee jiruu wal abaaruu, wal cabsuu fi olola wal irratti ofuu qofa.
Kallacha qabsoo bilisummaa yoo qabaatan uummataa ibsanii akka isaan gargaaruu fi wajjin dhaabbatu barsiisuun dirqama isaanii taha. Uummatni yaroo hundaa ijaarsa qabsoo bilisummaa qajeelaa qabatee deemuu fi uummata Oromoo bilisa baasuuf kutate ka’ e filaatee hordofuu irraa of booda hin jedhu. Qabeenyi, beekumsii fi humni ijaarsota Oromoo wal diiguu, wal jeequu fi maqaa wal xurreessuu irratti boba’uun guyyaan bilisumma akka dheeratu godha. Kaayyoon qabsoo bilisummaa ala kana keessa deemaa jiru kan irratti xiyyeefatamee rakkina uummatni Oromoo irraa gahaa jiruuf kan abaaramuu fi itti komatamu ABO tahee jira. ABO qaraxa uummta Oromoo irraa funaanamuun hojjetaa hin jiru. Qaabeenya uummata Oromoo saamaa hin jiru. Mindaa uummta Oromoo irraa fudhatee hojjetaa hin jiru. Namootaa kabajaa fi bilisummaa saba isaaniif of wareeganii of kennanii kan itti ciccaa jiraniin amma har’a qabsoo bilisuummaa saba Oromoof gummaachaa jira. Kan itti socho’u illee warra jaalala saba isanii qaban kan fedhii isaaniin itti hixataniini.
Warri TPLF dura ABO dhabasiisuuf halkanii fi guyyaa wixxifatan illee jiru. Akkeekni isaanii kun abjuu akka tahe har’a silaa hubachuu qabu. ABO kaayyaa Bilisummaa uumata Oromoo qabatee ka’e itti cichee dhiigaa goototni Oromoo kummaataan aarsaa tahanii uummata bal’aa Oromoo qaqqabsiise jira. Har’a Kaayyoo ABO bahaa fi dhihaan, bitaa fi mirgaan kan isaa godhatee kan irratti kufaa jiru uummata bal’aa Oromoo ti. Warri kun beekumsaa fi dammaqinsa gahaa utuu qabaatanii, xiqqoo dhaabbatan hojii isaanii kana xinxalanii irraa dhaabbachuu qabu ture.
Qeerroon Bilisuummaa Oromoo muxxannoo ABO irraa kan barachuu qabdan inni duraa warra Olola isini irratti oofu hundaaf deebii kennuu dhaabuu dha. ABO uummta Oromo hunda qaqqabee kan of beeksisu caalaa waa’ee ijaarsa kanaa warra oddeessaa olu warra ijaarsa kana jibu irratti. Haalli kun jiraachuudhuma ijaarsa kanaafuu gargaarsa guddaa dha. Kan gargar nama baasu oduu olola utuu hin taane hojii dhugaan mul’atu dha. Maaliif akka ijaaramatan, maal akka hojjetan, galmi keessan maal akka fakkaatu hojiin keessan ifatti agrsiisaa jira.
Siyaasni Oromoo biyya alaa kanati baayyee kan oo’u dhugaatii irratti qofa. Yaroo nagaa baayyee hin jiru. Akka namootni ala kana jiran yaadanitti Qeerroon Bilisummaa Oromoo kun ijoollee mana burmsaatu xabaa oofaa jirtaatti fudhatu. Guyyaa tokko ijaaramanii dhufanii ijoollee xixxiqqoo kana irraa hoogganaa butatanii caarataa aangoo ittiin argataniif dhiiyeessuuf warri abjuu guddaa qabanii jiru. Garuu warri kun dandeettii fi beekumsi isaaniiQeerroo Bilisummaa Oromoo irraa hooganna fudhachuu miti hordofuu akka hin dandeenye ifatti argaa jirra. Yaada namaa keessatti ittisuun danda’amu. Waan isaanitti fakkaate haa haasa’an . Waan danda’anis haa yaallan. Nuyis waan itti amannuu fi qajeelaadha jennu hojjechuu malee attakaroo hin barbaachisu.
Garuu Qeerroon Bilisummaa Oromoo kan hubachuu qabu diinni qabsoo bilisummaa saba keenyaa akka bofaa arba baayyee akka qabu dha. Araba isa kamittu summii akka baatu adda baasuun salphaa miti. Kaan gubannee keessaa darbuudhaan muxxannoo irraa baranna. Gootonni Oromoo hedduun diina garboofatan adda rukkutamnii hin kufne. Warra nu fakkaatee diinaaf bitameen duubaan kolbaman. Kanaafuu kan keenya isa jennu keessa qoraatiin meeqa akka jiru dhagachuu hin qabnu.
Baayyee keenyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waaqayyootu uummata Oromoo salphina bara baraa keessaa baasuu keenneef jenne ammana. Gocha Qeerroof ulfina fi safuu guddaa qabana. Waan qabnu maraan isin wajjin dhaabbachuu fi isin hordofuu irraa booda hin jennu. Kana malees gurri bulguu akka isin hin dhageenye, iji hamaan akka isin hin arge, Waaqayyo amajaajjii akka isin irraa qabu kadhanna keenya.
Injifanna uummata Oromoof !
Oromiyaan ni bilisoomti !
Oromiyaan ni bilisoomti !
No comments:
Post a Comment