Killeen bofaa lukkuu ni dhalaa?
Leelloo Sabaa irraa
Akka Mootummoota Tokkoomaniitti (UN), ulaagaalee bulchiinsa gaarii keessaa kan hangafaa, mootummaan biyya tokkoo, waliigaltee (consensus based) ykn fedha ummata biyya saniitiin ijaaramuu isaa ti. Bulchiinsi gaariin, motummaa gaarii irraa kan maddu oggaa ta’u, mootummaa gaarii kan jedhamu ammoo, mootummaa: fedha ummataa, fedha ummataan, fedha ummataaf ijaaramee dha. Mootummaa :ummataa, ummataani fi ummataaf ijaarame qofatu, ummata isa ijaare bakka bu’ee fedhii ummata kanaatiin, fedha ummata kanaa guutuuf : caasaa bulchiinsaaa gaarii diriirsuu, murtii gaarii dabarsuu, seera gaarii tumuu, imaammata gaarii baasuu, fi qajeelfama gaarii dabrsuuf fedhaa fi akeeka qabaata.
Ija ulaagaa kanaatiin oggaa ilaallu, mootummaan Impaayera Ixoophiyaa Oromiyaa irratti ijaarame, fedha ummata Oromootiin osoo hin taane, Oromiyaa gabrummaa isa jalatti to’atuun qabeenyaa isii saamuuf akeekkatee afaan qawween gochaa sanyi duguuginsaa ummata Oromoo irratti raawwachuuni. Dhuma jaarraa 19ffaa irraa eegalee haga har’aatti, akeeki mootummooti Impaayera Ixoophiyaa Oromiyaa irratti ittiin ijaaraman, sirna bulchiinsaa cunqursaa fi saamichaa ummata Ormoo irratti diriirsuun Oromoo fi Oromiyaa irratti olaantummaa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa Habashootaa tiksuu fi dhaloota Habashaa itti aanutti dabarsuu dha. Akeeki ummata Oromoo fi Oromiyaa ammo, gabrummaa Impaayera Ixoophiyaa kan jaarraa tokko olii jalaa bilisa bahuun mootummaa walaba ijaarratuun qabeenyaa isaa irratti abbaa ta’ee: bilisummaa, nagaa, ulfina, kabajaa, badhaadhinaa fi gammaachuun biyya isaa irra jiraachuu dha. Sababa kanaatiif, akeeki mootummoota Impaayera Ixoophiyaa fi kan ummata Oromoo: uumaa, amala fi akeekaan waliif faallaa qofa osoo hin taane kanneen tasumaa walitti araaramuu hin dandeenyee dha. Hawwii fi akeeki mootummoota Impaayera Ixoophiyaa kan jiraachuu danda’u, bilisummaa Oromiyaa mirkanessuun diinagdee Oromiyaa irratti ajajuuf hawwii fi akeeki ummatni Oromoo qabu yoo dhabame qofa; akkasumas, hawwii fi akeeki ummata Oromoo kun : mirkanaahuu, jiraachuu fi tikfamuu kan danda’u, hawwii fi akeeki mootummaa Impaayera Ixoophiyaa Oromiyaa irraa guutummaatti yoo dhabame qofa. Akeeki Impaayera Ixoophiyaa, Oromoo fi Oromiyaa irratti bakka gahuu fi tikfamuu kan danda’u awwala akeeka ummata Oromoo fi Oromiyaa qofa irratti. Waan kana ta’eef, akeeki mootummaa Ixoophiyaa fi kan ummata Oromoo kan wal nyaatu malee kan wal guddisu ta’uu hin danda’u.
Mootummaan cunqursaa fi saamichaa Impaayera Ixoophiyaa Tigreedhaan hoogganamee Oromiyaa irratti diriirfamee jiru, kan ijaarameefi, dantaa ykn fedhii siyaasaa fi diinagee ummata Tigraay bakkaan gahuuf: tigrootaan,tigrootaaf Tigraay keessatti kan ijaarame Oromoo fi Oromiyaa irratti kan fe’ame malee ummata Oromoo beekee dantaa ykn fedhii ummata Oromoo bakkaan gahuuf kan ijaarame waan hin taaneef uumaa fi amalaan faalla dantaa fi fedhii Oromoo fi Oromiyaa ti. Dantaa siyaasaa fi diinagdee tigrootaa mirkaneessuuf afaan qawweetiin kan Oromiyaa qabate malee, akka isa bulchani fi mishoomsaniif, ummatni Oromoo Tigroota daboo ykn guuza sababa yaammateef miti. Mootummaan Wayyaanee har’aan tana ummata Oromoo ajjeessaa, qabeenyaa fi dachii isaa saamaa jiru kun, uumaa, amalaa fi akeekaan dantaa ykn fedhii tigrootaa irraa kan madde waan ta’eef:uumaa, amala fi akeekaan ummata Oromoo fi Oromiyaa waliin hariiroo diiggaa malee hariiroo ijaaraa tasumaa kan hin qabnee dha. Olaantummaan: siyaasaa, diinagee fi hawaasummaa tigrootaa Oromoo fi Oromiyaa irratti tikfamuu fi babal’achuu kan danda’u gaaffiin bilisummaa Oromiyaa fi qabeenyaa Oromiyaa irratti abboomuuf ummatni Oromoo dhiigaa fi lafee isaatiin gaafachaa jiru yoo dhabame qofa. Olaantummaan Tigrootaa, Oromoo fi Oromiyaa irratti tikfamuu fi babal’achuu kan danda’u, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa ummata Oromootiin gaafatamaa jiru yoo dhabamsiifame qofa. Tigraayii fi togrooti kan duroomuu danda’an, Oromoo fi Oromiyaa irratti olaantummaa aangoo siyaasaa tikfachuun qabeenyaa Oromiyaa irratti ajajuu yoo danda’an qofa. Tigrooti,aangoo siyaasaa impaayera Ixoophiyaa irra turuu kan danda’an, Oromoon gara aangoo siyaasaatti akka hin dhufne godhuun oggaa ta’u, qabeenyaa Oromoo fi Oromiyaa saamuu kan danda’an ammoo, sirna bulchiinsaa qabeenyaa Oromoo fi Oromiyaa isaan saamsisu diriirfatuu fi babal’ifatuun qofa ta’a. Seerri fi caasaan : siyaasaa, diinagdee, bulchiinsaa, hawaasummaa, waraanaa, tikaa, hariiroo alaa, fi kkf hundi, olaantummaa siyaasaa fi diinagdee Tigrootaa ummata Oromooo fi Oromiyaa irratti tiksuu fi babal’isuu qofa irratti kan qiyyaafatu waan ta’eef mootummaan Wayyaanee: uumaa (dhalootaan), amalaa fi akeekaan ummata Oromoof bulchiinsa gaarii tasuma argamsiisuu hin danda’u. Ummata Oromoo fi ummattoota cunqurfamoo Impaayera Ixoophiyaa hundaaf, mootummaa Impaayera Ixoophiyaa wayyaaneedhaan hoogganamu irraa bulchiinsa gaarii eeggachuun, killee (hanqaaquu) bofaa irraa lukkuu eeggachuu dha. Waggoota 25 darbe keessatti, bulchiinsa gaarii argamsiisuuf, fedhii fi akeeki takka illee dalagaan kan irraa hin mul’anne, fuulduratti bulchiinsa gaarii ni argamsiisa jedhanii abdachuun gowwummaa dha. Ummatni Oromoo fi ummattootni Impaayera Ixoophiyaa hundi, baroota dheeraaf dalagaan argaa akka turan, fuuldurattis, itti fufiinsa: ajjeechaa, hidhaa, qeyee irraa buqqifamuu, qabeenyaa fi dachii saamamuu, dhiitama mirga dhala namaa, hiyyummaa, daara, wal’aalummaa, gadda, boodatti haftummaa, salphina fi tuffii malee mootummaa Impaayera Ixoophiyaa irraa: bilisummaa, dimookraasii, mishoomaa fi bulchiinsa gaarii tasumaa argachuu hin danda’an.
Waan kana ta’eef, furmaati takkichi ummatni Oromoo fi ummattooti cunqurfamoon Impaayera Ixoophiyaa qaban, :dhaloota, amala fi akeekaan bulchiinsa gaarii argamsiisuufii mootummaa hin dandeenye irraa bulchiinsa gaarii eeggachuu fi bulchiinsaa gaarii jechuun dhadannoo kijibaa inni lallabuun osoo hin goyyooomne/dagamne, mootummaa bilisa kan bulchiinsa gaarii argamsiisuuf uummachuuf qabsoo bilisummaa eegale jabeessee itti fufuu dha. Addatti,ummata Oromootiif, furmaati takkichi, ummata Oromoof bulchiinsa gaarii,argamsiisuuf wabi kan ta’e, mootummaa walaba Oromiyaa yeroo gabaabaa keessatti deebisee ijaarratuuf ABO jala hiriiruun qabsoo bilisummaa Oromiyaa finiinsaa jiru daranuu jabeessee itti fufuun sirna gabroomsaa wayyaanee xumura itti godhuu dha.
Injifatnoon Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo waliin fuulduratti !
Caamsaa 3/2016
No comments:
Post a Comment