Ammaan tana warashaaleen dhunfaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa keessa jiran keessatii Moormiin akka hin kaaneef eegumsii fi hordoffiin cimaan godhamaa jira.
Yeroo amma kana warshaalleen Hundi humana waraanan eegamaa jiru.
Sababiin isaas hojjattootni kuni gaaffii mirgaa yeroo gara garaa kaasaniif deebiin keennamaa jiru hojii irraa ari’uu waan ta’eef hojjataa heedduun mufi guddaa keessa gale jira. Balaa kanaanis mormii guddaan ni dhaqaba jedhamee soodaatama jira. Kana naasuu keessa galee “mootummmaa naannoo Oromiyaa “ Biiroon dhimma hojjataaf hawaasaummaa kallatti hundaan bobaasuun hordooffi fi to’aannoon akka cimmu yaaduus, haalli warshaallee kanaa mootummaa naannoo waliin walitti fidu waan hin jirreefi itti waamamni isaan feedraalaf waan ta’eef bu’aan abdi qabu gama kanaan hin eegamu. Oolmaa guyyaa gabaasuun ala.
Rakkoowwan gurguddoon yeroo ammaa Warshaalee Keessattii Uumaman jeequmsaaf sababi ta’u ni danda’aan jedhamaniis:
- Kanfaltiin miindaa hojjatoota baay’ee gadi aanaa ta’uu; mindaan warshaalee dhunfaa keessa hojjatootni argatan gali hojjataa guyyaa tokko ti gadii ta’uuf, kiraa manaa, nyaataa fi KKf tasa guutuu kan hin dandeenye ta’uu isaa. Fkn:
- Warshaa shukaaraa Wanjii fi Mataaharaa keessatti hojjatoota guyyaa (kan hin barranne kaase hanga dargagoota diigri qabani) guyyaatti birri 35n shankooraa muraa oluu. Warsjaaleen shukaaraa Dhidheessa keessatti ijaaraman kan mootummaa fi warra Hindii , erga moormii Oromoo fininee booda kaffalti guyyaa qarshi 50 kan galchan yoo ta’u, hojjataas ummata Kibbaa keessaa fidaa jiru.
- Warshaan huccu Iyikaa (kan warra Turkii) magaala Sabbataatti argamuu hojjatootaaf ji’atti qarshi 600 kanfalaa, kuni guyyaatti qarshi 20 ta’ u isaatti. Kanumaa immo ilmaan qonnaan bulaa Oromoo lafa isaani irraa buqa’aan carraadhumti kun illee hin keennamneef. Oromoo carraa hojiin ala godhuun kuni bakka mara jira. kunis dallansu guddaa ume jira. Mootummaanis ta’e abbootiin warshaa bu’aan isaan bufannee jedhan garaa garummaa saamicha human hojjataa irraa bufatani.
- Akka biyyatti ka’umsii mindaa (minimum labour wage) murtaa’uu dhabu. Mootummaan ummataa yaadee waan hin beekneef gaaffii gama kanaan dhiyaatu hunda farra “investment” jedhe dhaamsuuf yaalaa. Kanaaf kaampaniin tokko akka barbaadeetti gati gadi aanaa kaffaluun humna hojjataa saamaa jira.
- Ejeensoonni dhuunfa (Heedduun isaan kan dhaabbata TPLF fi miseensoota isaa ta’an) warshaalee, “Embassy”, Baankii, dhaabbilee “UN” keessa galanii hojjatoota hojjatoota dhaabattoota kana keessatti qacaraman of-jalatti bulchaa waan jiraniif hojjataan warshaalees ta’e dhabbatoota kana keessa hojjatan kallattiin waan isaani kanfalamu argachaa hin jiran. Kanfalittii mindaa hojjatoota gara eejansiin qacaramani, eejansootni kuni mindaa hojjatoota abbootii qabeenyaa wajjiin waliigalan keessa hanga barbaadan qofa hojjatoota kan kanfalan ta’uu fi seerrii isaan dirqisiisu jirachuu dhabuu. Kunis walfayyaduuf ta’e jedhamee kan raawwatamaa jiru ta’uu. FkN kaasuuf eejansiiwwan kuni:
- “THRUST” kan jedhamu kan abbaan qabeenyaa Sheek Alaamuuddiin yoo ta’u hojjataa kamiyyuu kan dhaabbata MIDROC jalatti qaccaruufi mindaa argachuu malu irraa walakaa ol kan qodatuu ta’u isaa. Ilaalaa mee namichi kuni wanta keessa hin seene hin qabu.
- “Agar Ethiopia” kan jedhamuu abbaan qabeenya saba Tigree yoo ta’uu waardiyaa hanga oggeesa olaanaa warshaalee fi dhaabillee garagaraa keessatti qacarsisuun ji’a ji’aan mindaa hojjataa irraa walakaa ol fudhachaa kan jiru ta’uu. FKN AUn Waajjira isaa Finfinnee keessa jiruuf, waardiyaa tokkoof mindaa qarshii 3,800 kan kaffaluu yoo ta’u kan hojjataa harka gahu 1,800 qofaa isaa hafe “AGAR” taa’ee fudhata.
- “Dejen” abbaan qabeenyaa kanaas sabaan Tigree yoo ta’u, mindaa waardiyoota fi qulqulleessitu baankii daldala Itophiyaa fi baankii Ijaarsaa fi Business (CBB) dameele 900 caalan keessatti qacarman irraa qofa waggaatti qarshi miliyoona 21 ol argachaa akka jiru. Kunis inaaffaa isaan giddutti umame irraa kan ka’e hojii kana “ Commercial nominee” dhaabbatni jedhamu akka hojjatu murtaa’ee gali hangana gahu hojjataa irraa saamaa (qodachaaa) jiruu. “Commercial nominees” dhaabbata jedhamu walitti qabaan boordii Barakat Simooni.
- “Bekat Human resource Supply” kan jedhamuus haal walfakkaattuun warshaalee fi dhaabbille qoddachuun human ummataa saamaa jiraachuu isaa akk FKN kaasuun ni danda’ama.
- Hojjatootiin mirga ofii tiif akka hin falmannee waldaa bilisaa hojjatootatiin gurmaa’uun gama mootummaa fi hojjachiistootaatiin fudhatama waan hin argganneef. Mootummaan iddoo fedheetti kan fedhi isaa eegsisan hunddeessuun hojjataatti akka fedhe itti tabbachaa jiraachuu.
- “Mootummaann naannoo Oromiyaa” ergama lafa qonnaan bulaa Oromoo saamee abbooti qabeenyaa jedhamni keennuun ala gali irraa argamuus ta’e midhaa hawaasa irra gahu ginkummaa dhaabsisuuf aangoo kan hin qabne dha. Warshaaleen abboottii qabeenya biyya ala hayyama kan fudhatan Fedaraalaa irraa waan ta’eef rakkoo uumamu kamiyyuu hikuuf qaama Fedaraalaa malee kan naannoo wajjiin marii’achuuf fedhii kan ta’uu isaanii irraa kan ka’ee rakkoon mirgaa hojjatoota akkan naannootti hikuufis ta’e gali itta fayyadama qabeenya naannoo galchisisuuf Naannoon Oromiyaa angoo takka iyyuu kan hin qabne ta’u.
- Komii mirgaa hojjatootaatiin walqabatu hiikuuf qaamaa Federalaa yoo ta’ee malee naannoon aangoo kan hin qabnnee waan ta’eef
- Hojjatoota warshaa Oromiyaa keessa jiran keessatti qaxaraman dhibbeentaa 80% ol hawaasa naannoo (Oromoo) osoo hin ta’in iddo biraa irraa kan fidan ta’uu. Keessa’u oggeessa olaanaa kan qacaruu eejansii saba Tigre waan taeef hojii gadi aanaa kan akka hojii humnaa, waardiyaa KKFn ala saba biraan guutame jiraachuun moormii cimaan hawaasaa naannoo fi hojjataa keessatti akka umamuu godhe jira.
Walumaa galatti mootummaan abbaa irree ummata tuffachuun rakkinni umte ishi nyaachuuf jiraa. Waan ta’eef mormiin kuni ciminaan warshaalee fi dhabbilee hunda keessatti itti fufu qaba. Moormiin kunis guutummaa biyyatti (Ethiopia) waliin nigaha taanan umriin sirna kana ni gabaabbataa. Jabaadhaa.
No comments:
Post a Comment