Camadaa Hundee
Weerara Minilikiin dura abbaa biyyaa kan turan ilmaan oromiyaa naannoo finfinnee gosa Abbichuu, Eekkaa, Gullee fi Galaan kan jedhamuun beekamu ture. bulchitootiin naannoo kana kan turaanii fi kan minili galaafate keessaa yaadannoodhumaaf jecha kan akka (Tufaa Munaa, Duulaa, Jimaa Jaatanii, Guto Waasarbi, Jimaa Tiksee, Abeebee Tufaa, Waaree Sullee, Tufaa Araddoo, Mojoo Boxoroo fi kan biroo ni jiru).Silaa otoo dhugaan jiraatee maqaa angafoota kanaan daandii fi bakkootiin seena qabeessa Finfinnee mogga’uu qaba ture. Kun afeetu qubbattuu alaalaa dhufeen moggafame. adda durummaan Miniliki akka sabaattis ta’ee aadaan gosa kanaa naannoo finfinneetii akka maca’u taasise. Bakka waaqeffannaa Oromoo fi yaa’ii ummataa, hunda balleessuudhaan bakkota kanatti, aadaa fi safuu Oromoo wajjin kan hin deemne, moggaasa lafaa fi bakka taa’umsa bataskaana Abashaa taasisan.
Miniliki gochaa gosa Oromoo fi aadaa naannoo sanaa balleessuuf duula walirraa hin cinne taasise. Ilmaan oromiyaa Miniliki dura dhaabbatan bifa suukanneesaa ta’een ijoollee, dubartii, jaarsaa fi jaartii otoo hin jenne, akka sanyiitti duguuge. Kan dhumaatii irraa afan maqaa amantaa fudhadhaa jedhuun akka of dagatan maqaa dhalootaa bishaan itti facaasee geeddare. Moggaasa lafaa maqaa Oromoo turan maqaa alagaa itti baasuudhaan guutummaatti Oromoo finfinnee mancaasee jira.
Inxooxxoo Dhaabbatani, Caffee Gad Ilaalun Hafe,
Finfinnee loon Geessanii, Hora obaasuun Hafe.
Tulluu Daalatti irratti, Yaa’iin Gullallee hafee,
Gafarsatti Darbanii Qoraan cabsuun Hafee,
Hurufa Boombii irratti, Jabbileen yaasuun Hafee.
Bara jarri dhufani,
Loon Keenyas Ni dhumani.
Idda Mashashaan Dhufee ,
Birmadummaan Ni hafee.
(Mashashaan Ajajaa waraana Miniliki kan turee fi Oromoo kan fixee dha)
Madda: kitaaba Gammachuu Malkaa
bara weerara Miniliki sana Oromoon akkasi jedhee quuqqaa isaa bifa weedduun dhalootaaf dabarsee jira.
Finfinnee loon Geessanii, Hora obaasuun Hafe.
Tulluu Daalatti irratti, Yaa’iin Gullallee hafee,
Gafarsatti Darbanii Qoraan cabsuun Hafee,
Hurufa Boombii irratti, Jabbileen yaasuun Hafee.
Bara jarri dhufani,
Loon Keenyas Ni dhumani.
Idda Mashashaan Dhufee ,
Birmadummaan Ni hafee.
(Mashashaan Ajajaa waraana Miniliki kan turee fi Oromoo kan fixee dha)
Madda: kitaaba Gammachuu Malkaa
bara weerara Miniliki sana Oromoon akkasi jedhee quuqqaa isaa bifa weedduun dhalootaaf dabarsee jira.
Haata’uu garuu kan duguuggii sanyii irraa baraaraman ykn afan amma isaaniif danda’metti eenyummaa Oromoo tiksanii jiraachuuf qabsoo guddaa taasisanii jiru. akka raacitti gosa Oromoo afan keessaa Abbichuu, Eekkaa Galaan, gullallee, maqaa dhahuu dandeenya. Moggaasa lafaa yoo ilaalle garuu guutummaatti jijjiramee jira. kun duula waggaa 140 dura ilmaan oromiyaa irratti raawwatee dha.
Maqaan garaa garummaa haa qabaatan malee, bitootiin Habashaa kaabaa dhufan Oromoo fi oromiyaa balleessuu irratti imaamata tokko qabu. Miniliki, H/Sillaasee, Dargii fi wayyaaneen dhimma Oromoo irratti garaa garummaa hin qaban. garaa garummaan isaanii mala ittiin saba kana balleessanii fi saaman duwwaa irratti garaa garummaa qabu. aangoon siyaasaa, dinagdee fi humni nagaa amma Oromoo harka hin jirretti garbummaa jala jiraachuun dirqama nutti ta’ee jira.
Haalli yeroo ammaa wayyaaneen itti jirtu, aftee Miniliki kan ta’e, raacitii Oromoo naannoo finfinnee balleessuuf kutattee kan kaatee dha. akkuma Miniliki moggaasa maqaa naannoo finfinnee maqaa alagaan moggaase wayyaanenis dursitee moggasa maqaa Oromoo balleessitee jirti. Maqaa daandii gurguddaa finfinnee keessa jiru, akkuma jirutti maqaa alagaan moggaafteee jirti. Kan Miniliki moggaasee ture akkuma jirutti haaromsitee jirti. Eega kana raawwatee booda akka sabaatti Gosa Oromoo naannoo finfinneetti hafe, guutummatti badduu baasuuf labsa itti baafatanii jiru. abbaa biyyaa kan ture gosti Oromoo Abbichuu, Galaan, Eekkaa fi Gullallee raacitiin isaa akka badu maqaa Mastar Plaanii Addis Ababaa jedhuun itti aguugdee duula jalqabdee jirti. Seenaa Oromoo keessatti Minilikitti aansee kan gosa Oromoo balleessuuf labsa bifa iccitaawaa ta’een itti labsee jiru Wayyaanee dha.
Maqaa Master Planii Addis Ababaa jedhuun maaliif wayyaaneen daldaaluu barbaadde?
Karoora yeroo gabaabaa keessatti maddi ittiin dinagdee dhuunfatanii fi yeroo gabaabaa keessatti gareen wayyaanee akkuma amma argaa jirru ittiin abbaa qabeenyaa kumaa kitilaa ittiin ta’uu danda’an, lafa oromiyaa gatii olaanatti gurgurachuu dha. maqaa beenyaa jedhuun lafa hector tokko malaqa rakashaan fuudhanii ofii isaanii miliyeenaratti gurguraa jiru. wayyaaneen kaleessa Meeshaa waraanaa rasaasaa 200 wajjin waggaa 24 dura finfinnee gale, ardha abbaa gamoo gurguddaa, abbaa Baankii, abbaa, share company, abbaa importer fi exporter, abbaa holela Hurjii shanii fi abbaa waan hundaa ta’anii jiru. kun hunduu kan madde gurgurtaa dachee oromiyaa fi qabeenyaa oromiyaa irraa kan dhufee dha. kan amma yoonaa saaman hanqannaan dhaloota dhaloota isaaniif akka ta’utti saalfii tokko malee Finfinnee maalaqatti jijjiruuf karoorfatanii jiru. tuffii ilmaan oromiyaaf qaban bifa kanaan nuuf himaa jiru.
Kan nama aja’ibu garuu maaliif karoorri kun barbaachise yeroo jedhaman ummata naannoo sana jiraatuuf mana barumsaa, hujumoo bishaanii, karaa konkolaataa, bilbilaa fi ibsaa galchuuf ummata kana fayyaduuf kan karoorfameedha jedhanii nutti qoosu. Nama qubee lakka’e dhiisiitii namni omaa hin beekne iyyuu, nama gowwoomsuu wayyaanee kana akka gaariitti hubata. Amma wayyaaneen Oromoo gowwoomsuuf otoo hin taane, tuffii Oromoof qabdu gochaan muldhisuuf maal fiddu kan jedhu irraa kan maddee dha.
Karoorri wayyaanee inni yeroo dheeraa ammoo Oromoo akka Oromootti tokkummaa isaa dhabamsiisuu dha. jecha gara biraatiin sirnootiin wayyaanee dura turan akkuma Oromoo humna dhoorkuuf qoqoodaa turan wayyaanenis bifa ammayya’een karoora Habashummaa isaanii itti fufsiisuu dha. inni duraa Oromoo keessaa finfinnee lafa keeyya kan jedhu balleessuu dha. akka amma karoorfametti dhalataan naannoo sanaa gara miliyoona 3tti shallagamu buqqisuudhaan maqaa misooma jedhuun dhalataa naannoo biraa oromiyaa keessa qubachiisuu dha. ummati finfinnee amma gara miliyoona 7 ta’u waggaa 20 booda dachaadhaan guddachuu akka qabu karoorfatanii jiru. karoora kana hojiirra oolchuuf maqaa master plan jedhuun Oromooo buqqisanii balleessuu dha. gosa Oromoo amma tokko akka raacititti hafee aadaa isaa beeku gosa Abbichuu, Gullallee, Galaanii fi Eekkaa guutummaatti mancaasuu dha. kanaaf seenaan gosa kanaa kanaan booda yoo waraqaa irratti jiraate malee qaaman hin jiraatu. Akka karoora wayyaaneetti.
Inni lamataa akkuma bubbulaa deemamuun oromiyaa bakka lamatti cabsuu dha. innis Oromoo Bahaa Oromoo Lixaa bifa jedhuun adda facaasuu dha. kaartaa amma isaani qopheessanirraa arguun salphaa dha. ummata Oromoo Walloo akkuma adeemsa keessa oromummaa dagatee aadaa fi amantaa mataa isaanii dhaalchisan sana ammas handhuura oromiyaa keessatti hojiitti hiikuuf karoorfatanii jiru. kun tuffii ummata Oromoof wayyaaneen qabduu dha. OPDOn waggaa 24 keessatti maqaa Oromootiin dhaadachaa bu’aan isheen Oromoof fiduuf deemtu gosa Oromoo Miniliki irraa afan guutummaatti balleesuuf marxifatanii wayyaanee wajjin dhaabbatanii jiru.
Maal gochuu qabna?
Abbaatu of mara jedhe Bofti. Oromoon wal malee omaa hin qabnu. Oromiyaa irraa nyaatanii oromiyaa balleessuuf namoota garaan bulan oromiyaan dhaltee jirti. Alagaa kan nutuffachiisaa jiru garaan bultoota ilmaan oromiyaa keessaa dhalatanii dha. sicoo oromummaa ti. Kanaaf of baraaruuf hunda dura Oromoon tokkummaan dhaabbatee ilmaan Oromoo oromiyaa keessaa dhalatanii wayyaaneetti dachee oromiyaa gurguruuf alkaniif guyyaa dhama’an irratti duuluu qabna. Midhaan keenya nyaatanii sanyii oromiyaa balleessuuf dhalooti dhaabbate dhaloota gatatee dha. kanaaf dursa jireenya hawaasummaa Oromoo keessaa namoota kana baasuu dha. keessumaa OPDOn seenaa dagachuudhaan seenaa Miniliki oromiyaa irratti raawwachuuf akka dhaabaatti ni dhaabbatti yoo taate, duulli guddaan isaan irratti ta’uu qaba. TPLF kan inni ittiin oromiyaa saamaa jiru OPDO kurkursuudhaan ta’uu beekuu qabna.
Inni lamataa dhaabbilee siyaasaa bilisummaa fi mirga Oromoof dhugaatti falmaa jiran wajjin dhaabbachuu dha. wajjin dhaabbachuu jechuun qaaman, qabeenyaan, yaadaan deeggaruu dha. yoo tokkummaan dhaabbanne malee labsiin waggaa 140 dura oromiyaa irratti labsame bifa geeddaratee labsamee jira. kana dura dhaabbachuuf lammiin oromiyaa guddaa xinnaa, iyyeessaa fi sooressa, beekaa fi wallaalaa otoo hin jenne waliin dhaabbachuu qabna.
Dhaabbileen siyaasaa Oromoo karaa nagaa qabsoo sabaa gaggeessaa jiranis ta’ee karaa hidhannoon bilisummaa fi mirga saba keenyaaf falmaa jirru garaa garummaa xixiqqaan wal xaxaa deemuun keenya dhuma irratti akkuma argaa jirru diina fuunduratti nutuffachiisee jira. kana beeknee hariitiin mooraa qabsoo Oromoo humneessuu qabna. Yeroon amma keessa jirru yeroo dhimma garee, aangoo fi gosaa yaadan miti. Diina yoo ta’e akkuma argaa jirru , namoonni gosaan yaannus gosa balleessuuf jiru, namootin naannoon yaannus naannoon badaa jira, namoonni amantaan yaadus amantaan badaa jira. kanaaf yeroon ammaa yeroo oromummaan dhaabbatan malee yeroo gareen yaadan miti. Badiin oromiyaa fuula keenya dura dhaabbachuu qaba. tarii wal dhibdeen dhaabbilee siyaasaa Oromoo kana dura ture murannoon falli akka itti argamu gochuu dha. dhaabni siyaasaa kanaaf of hin kennine mataa isaatiin oromiyaaf otoo hin taane, gargaaraa diinaa ti.
No comments:
Post a Comment