Haaluma kanaan WBOn Kibba Baha Oromiyaa Baalee keessa sossohu Fulbaana 07,2015 Ona Sawweenaa bakka ganda Hoofii jedhamu keessatti ganama keessaa sa’aa 10:00 hanga 10:20 giddduutti hidhattoota wayyaanee maqaa faxinoo jedhuun ijaaramanii socho’uun WBO sakatta’uu fi bobbaa isaa danquuf sochii irra turan haxiidhaan haleelee 4 yeroo irraa ajjeesu, 6 ol ammoo akka hamaatti madeessee jira. Hidhattootni wayyaanee garii tarkaanfii kana jala dhaabbachuu dadhabuudhaan tokko tokkoon faffaca’anii akka baqatanis ibsameera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii kanaan qawwee AKM 4 hidhannoo guutuu waliin, rasaasa AKM 400, Boombii harkaa F1, 12, boorsaa waraanaa 5 fi mi’oota gara garaa biroo diina irraa booji’uun dantaa QBOf akka ooches gabaafameera.
Tarkaanfiin diinaa fi ergamtoota diinaa kanneen gufuu QBO ta’an irratti fudhatamu jabaatee kan itti fufu ta’uus WBOn Godina Kibba Baha Oromiyaa Baalee keessa sossohu hubachiisee jira.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibba Baha Oromiyaa Baalee keessa sossohu Adoolessa 08 fi 09,2015 Ona Eelkarree baka Eel-Dhoor jedhamuu fi onuma kana bakka Halloo Dheertuu jedhamutti tarkaanfii waraana wayyaanee irratti fudhateen 30 ol du’aa fi madoo taasisuun meeshaalee waraanaa fi mi’oota adda addaa booji’uu isaa gabaasuun keenya kan yaadatamuu dha.
No comments:
Post a Comment