(05.03.2016, Oromiyaa) Kun dhaamsa hidhamtooti siyaasaa Oromoo Manneen hidhaa Qaalittii, Qillinxoo fi Zuwaay keessa jiran haala yeroo amma Oromiyaa ilaalchisee ergatanii dha.
Nuti, otuu dirqama addaddaa irra jirruu harka diinaatti kufnee gatii olaanaa bilisummaa Oromoof baasaa jiraachuu keenya namuu kan hubatuudha. Yeroo biyyi keenyaa fi lammiin keenya alagaa gara laafina hin qabnee biyya abbaa isa akeessatti ajjeefamu biratti argamuu dhabuun keenya hedduu garaa nu nyaata. Goototi Oromoo kutatoo amma illee Bilisummaa Oromoof wareega ulfaataa baasaa jiran kumaatamaan bahaa akka jiran yeroo dhageenyutti immoo jajjabina guddaatu nutti dhagayama.
Ammas qabsoo keenya galmaan gahuuf namuu bakka jirutti kutannoon akka hirmaannaa isaa jabeessu yeroo dhaammannu:

Kana waan ta’eef, haala kana hubattanii bakka nu bu’uun gahee keessan akka baatan dhaamsa kana haala ulfaataa keessatti isiniif dabarsine; imaanaa keenya kanas raawwachuun akka nu boonsitan immoo shakkii tokko illee hin qabaannu!!
Qabsaa’aan ni kufa! Qabsoon itti fufaa!
Injifannoo uummataa Oromoof!
Injifannoo uummataa Oromoof!
No comments:
Post a Comment