Wednesday, November 18, 2015

Demokrasiin Maannii?











By Ibsaa Guutama  |

Kanneen demokraasii ol kaasanii ilaalanhundi, akka tokkott qayyabachuun saanii mamsiisaa dha. 
Kanaaf mee qabsaawota Oromoof yoo ilaalcha waloo ni arginaaf tahe haa ilaaluu. Akka ilma Gadaa naannaa saatt yeroo dhumaaf shakalameett dhaalmaa demokraasii Gadaa qabaachuu saa, barreessaa kun kan ittiin mormu jiraataa itt hin fakkaatuu. Yoo tahewoo? Kan dhimma baasu yoo ofii shakalee fi utubeen qofa. Qooqi demokraasii (demokratia) qooqota Greekii lama “demos” ummata fi “kratia” mootummaa, irraa dhufe jedhama. Jechi Abraham Lincoln “Mootummaan ummataa ummataaf ummataan …” jedhu bara si’anaa rimsama demokraasii sirriitt ifsa. Kun biyya biyyatt mikkillee inni keessatt shakaIamu utuu hin dagatinii. Waan hubannu irraa demokraasiin dhugaa abju dhugoomuun saa rakkisaa tahe. Demokraasiin Oromoo yk Gadaa kan hunda haammatullee muda hin qabnee mitii. Demokraasii madaluun kan eegalamuu qabu, dhaaba, caasaa fi jiruu jarmaa saa irratii. Jaarmaan dhaaba, miseensota kaasaa waloof qabsaawan, kaayyoo, seeraa fi dambiilee saa kabajuuf kakaa seenan dabalataa. Miseensi yk hogganni demokratawaan kan madaalamu qulqullooma keessa ofii, dudhama dhaabicha qabu, durfannoo dhimmama jaalaa kennuu, seeraa fi tartiiba dhaabaaf ulfina kennuu fi hagam guddina ilmaan namaa fi teknolojii sabaawaa fi sabgiddu akka hubateenii. Leadership in democracy is based on election with time limit. In certain cases elected leaders could turn autocratic or oligarchic abandoning organizational rules and objectives that demands all-inclusive team work.
Barreessaa kanaaf demokraasiin akkaataa jireenya hundi adda addummmaa barumsaan, ogummaa fi dandeettii biraa haa qabaatan malee, walqixummaan walliin jiraatanii. Demokraatoti dhugaa hundi seeraan bulmaata ni fudhatuu, murtii dabarsuu keessatt qooda fudhannaa miseensotaa ni jajjabeessu; akkasumas sagalee mormii ukkaamsuu hin yaalanii. Kanatu ofaangessaa, bulchiyaroo fi halleto’ataan adda isaan godha. Demokraasii keessatt hoggansii kennata yeroo murtaawee irratt hundaawaa. Alii ali hogganooti filaman dambilee fi tartiiba dhaabaa, kan hojii garee hunda hammataa gaafatu lakkisanii ofaangessaa yk bulchiyaroott of jijjiiruu dandahu. Ofaangessaan olhantummaa nama tokkotii. Gara biraan bulchiyaroon murna gurguddoo yk sadootaan gaggeeffama. Sirna lamaanuu keessatt tokko tokko jalqaba kennataan aangott dhufanuu seeraa fi qajeelfama angoott isaan fide lagatanii fedha ofiin bulchuu eegalu. Taahitaa finqilchaan dhufe akkasii hin waaruu. Badiisi sanaan gahus booda hubatama. Hitiler akka sanatt aangoo qabatee, Jarmanii fi addunyaa irraan maal akka gahe argineera; Wayyaaneenis karaa sanan walfakkii irra bu’ee sussukaa jiraa. Kanaaf nammi tokko shaakala seerawaa irraa yoo cehu kan nama yaaddesssu hedduu dha. Al tokko daguun ni dandahama, garuu qabsichaa fi hariiroo miseensaa egereef sirratu malee bayeessa hin tahu.
ABO keessatt baqaqi jalqabaa, jaalbiyyumaa kaayyoo saaniin walgituun utuu hin tahin, obbolaa safila, anatu si calaa Oromoo dha waliin jedhan gidduutt gahe. Kan hin yaadamin kanneen sana booda bara manguddummaa dhufan hedduun, kisaaraa malbulchaa ofii utuu hin hedin, eenyutu shafffisaan karaa leelloon halagaa itt argamutt baha kan jedhan tahani. Akkasittii, si’ana Badii keessatt Itophistooti haala kanaan dura hin beekamnett sagaalee olkaasanii dubbachuu fi ugga agarsiisutt kan kahani. Qabsoon cunqursaa irratt tolfamu achi hin siqne; Qabsaawoti sna gaggeessan mata mataatt bu’aa waatatta argachaa hin jirani garuu karaa keessaa bahanis yoo soqan hin mullatu. Yoo dogoggoratt qubi qabames hundi ofirraa faccisuuf ariitiin bakka qabatee, jaala hunda akka hamajaajiitt laaluutt ka’a. Waanti deemaa jiru xiinxala shaffisaaf nama rakkisa. Si’ana qondaalota qabsoo keessatt fooliin falama ciinca’aa jira. Bilisummaaf dammaqsi tahe hundi, balaaleffannaan gana irratt gaggeeffamaa ture, suduudaan yk harka lafa jalaan kolomsiisa gooftolii koloneeffatoon sadarkaa kanneen dur balaaleffatamaa turan malalchiisutt dagatamaniiru.
Dhiigi obbolaa fi jaallewwan dhagala’an rakkoo malee qaabannoo keessaa haqamaniiru. Kaan kaan bututaa qabsoon dhibamaniiruu; annisaa haatahu ulfinni keessatt hafe kan hin jirre fakkaata . Sun bara Dargii gara dhumaa namoota lamaa fi ogneesitoota harka kennatanii iccitii qaban eegumsaa fi bahsananaa tokko tokkoof dabarsanii kennan nama yaadachiisa. Garuu dhiichisi hedduu hin turree miliqoo fi Dargiin lubbuu ofiif baqa eegalanii. Malbulchesitooti Oromoo hadoodan dhuma walfakkiitt arreedaa jiru. Ammas isaanuma waliin utuu hin turiin baqatt ka’uuf hoggana empayeraa fi kittillayyoo saaniitt harka kennachuuf waga jiru. Kaasaa Oromoo seerawaa tahe ganee eenyuu fayyaa fi nagaa sammuun hin jiraatu.
Kennati yeroo hedduu qaamota abba abbaa fi waloon kan kennateef itt gaafatama qaban uuma. Sanaaf hirmaanni hojii fi itt gaafatammi seeraa fi dambileen bulan jiru. Garuu hogganootii gara abbaa humnummaatt duufan dambiilee tartiibaa sana dagaan cabsanii seera harkatt galfatu. Gara caaluu jaarmoti hojii raawwachiiftuu fi gumii aangoon hunda caaluu imaammata baasu yk Caffee qabu. Angoon taliilaan hin kennamne hundi kan gumii kanaati. abootii humnaaf kenni kun yeroo balleessaa fi hin barbaachifnee dha. Abbaa humnooti akkasii dhiibaa qaama sadaffaaf banamoo dha. Qaammi sadaffaan fedha ofii qofa hordofan miltolii harki saanii tartiiba demokraasii fi itt gaafataman hin hidhamne filatu. Akkasitti kan kan kaayyoon dhaabota demokraatawoo namoota ofjaallatoon fedhoota hamoo waliin tahaniin mucuceeffamanii fi roga dhabsiifamani. Fakkeenyaaf, akkasitt Wayyaaneen namoota isaan filan dhiisanii hogganoota abba tokkee fi fedha halagaa tajaajiluun kan raawwate. Tartiibi seerawaan kan diriirfaman murnaasi addaanjiraato tokkoo akka to’ataa fi madaalaa walgidduutt uumuufii. Humnii Shanee Hoji Raawwachiiftuuf (HR) kenname qajeelfama imaammata kan baasaniin akka sararaa masaka kennameett hojiirra olchuu dha. Dirqammi abbaadha barcumaa jiruu HR qindeessuu, akka fuula dhaabichaatt tajaajiluu fi jiruu qaama olhaanuun ifatt kennamuuf hojjechuu dha. Sana jechuun yaada haaraa hin dhihessu hin dandahu jechuuf mitii garuu walii galte jaallewwan saa gaafta jechuuf dha. Miseensoti yk qondaaloti biraa haala dhaabi isaanii irra jiru iyya’amuufii ni dandaha, garuu qabattee imaammataa dandeettii saanii ala tahett irba hin kennan. Shaakalli akkasii demokraasii suduudaa keessatt malee kan bakka bu’ootaa keessatt hin baramne.
Demokrasii bakka buhootaa keesssatt hogganootii miseensa ballaatt yk kanneen qabateen harka jiru dhimma saanii tahett kanneen imaammata baasan irratt akka dhiibbaa tolchan dhiheessuu ni dandahu taha. Garuu sun seeraan aangoo hin qabatuu yk tartiiba seeraan diriirfame irra cehuuf sababa tahuu hin dandahu. Dhimmisaa hagam barbaachisaa yoo tahellee tartiiba seera finqilchuun wanti gahuu jiraachuu hin qabu. Fakkeenyaaf ABO keessatt Kora Sabaa kan bakka bu’ee shaakalu Gumii Sabaatii. Hayyama malee hojii raawwachistuun aangoo gumii kan taheen tarkaanfii yoo fudhate gatii hin qabu, eenyuu sarmuuf dirqama hin qabu. Garuu kan sana godhetu itt gaafatama. Murtiin marii hunda aangoo qabaachuuf mijuu gaafata. Dura taa’aan/teessuun miseensa HRtii. Murtiin barbaachusu shanicha keessaan darba. Dhaaba mirgoota demokraasiif aarsaa guddaa baase kana keessatt, murtiin akkasitt fudhatamuutu hedama.
Kakaa waajjiraa fudhataniin miseensoti kennataman waliinjiroo saaniif abba abbaa fi waloon gaafataamoo akka tahan of dudhaniiru. Kanaaf yeroo seeraa fi danbileen dhaabaa irra cehaman callisanii ilaaluu hin qabanii. Daba qajeelchuu fi mala hamaan itt sirraawu argamsiisuuf qabsaawuutu irraa eegama. Dhaabaa fi dhooftuu saaf amanamummaa dhabuun tuffii akeekota inni irratt hundaawee fi itt gala inni agammateef qaban agarsiisa. Kanaan humna dhaabicha uumuu duuba turan gatii hin qabnee godhu. Sana gochuun waan jiruu fi amanamummaa haaraa arganiif fakkeessisu. Tartiibi kan diriiraniif abbaa hirrummaa fedha uumaa namaa keessa jiru hankaaksuu fi dhaabichi akka ofitt gara hin galle gochuufii. Garuu sun bakka miseensoti gahaatt ofbara malbulchaa hin qabnett tuutii itti kakaafamanii sodaachisuu waan dandahaniif hawwa duwwaa tahee hafaa. Dudhaa Gadaatt, hogganooti kennataman karaa irra mucucaacha xinnoon deebi’anii waamamuu dandahu. Amma garuu mitii. Diinnii fi keettoliin saa qabsaawoti Oromoo akka qoccolloo fi babbaqaqa keessaatt qabamanii haala empayeraa keessa jiruuf dhimma hin qabanne gochuu fedhu. Kun dhaabbatee, jaallatanis jibbanis karaa dandahamu hundaan xiyyeeffannoon sagantaa dhaabaa irratt tahuu qaba.
Yoo namoota kaasichaaf dudhaa qabaniin hin hogganamne, dhaaba jabaa fi demokraatawaa eeguun gowwummaa dha. Dhaaba jabaa malee waraana injifachuun haa tahu kan irbuu seenaniif dhiheessuun salphaa hin tahu. Hamma yoonaa, humna riphaa guddaa hiriirsu qabatuyyuu, kaasaan dadhabinaa fi gargar ta’inaa ABO keessaa, hogganooti kaayyoo, dambilee fi tartiibota dhaabaatt cichuu fi kaasichaa fi of kenna dhabuu dha. Hoogganooti dhaabaa dadhaboo tahan alii al of keessa dhiisanii jabina madda alaa irraa soqa dhaqu. Sun gara halleen dhaabichaa fi qabsoosaa xureessuu hin oolee. ABOn bu’uura farra kolonii labsate qaba. Hariiroon saa hundi bu’uura kana irratt malee empayera suphuu irratt hundaawuu hin qabu. ABO tahee hafuuf haala addunyaa si’anaa, gaafii dargaggoo Oromo qayyabachuu fi walabummaa dhaabichaa eeguu barbaachisa.
Akka carraa tahe kaasichaa yk kaayyo ganamaaf of kennuun, kan qabanitt cichuu, Oromummaaf dudhama hin daddaaqne, wareegamuuf murteeffachuu fi jannummaan, kaan kaaniif meeshaa hin argamne tahaa jiru. Yero ABOn faara abdachiisaa tokko tokko agarsiisu leelloo argachuuf kan walcaccabsan, yeroo faarri itt badu amantee fi ganda jala dhokatanii kan dhagaa itt guuruu yaalan, seexaan saanii xinnoollee isaan hin quuqne dhommoqina guddaa agarsiisan hedduu dha. Karaa biraammoo Oromiyaan hogganoota qeeqii rifachiisaa taheef; kanneen faallaa dhaalmaa Gadaa saanii alatt, halagaatt gurra yoo qeensan yaada miseensotaaf duuchatan hortee jirtii. Dhugaa jalaa miliquun yeroo hundaa hamaa hin yaadamne guddaa dhaqabsiisuu akka dandahu hubachuu dadhabu. Kana kan ilaalutt ABO caalaa muxannoo kan qabu hin jiru. Akka falaatt kanneen qabsoo keessatt qooda fudhatan ABOn miseensota saa kamuu caalaa guddaa akka tahee fi fedha abba tokkee kamu akka isa bakka buhuu hin dandeenye amanuu qabu. Eenyuu sagalee miseensotaa akka of hin ibsinett ukkaamsu akka hin qabnee fi eenyuu mirgaa fi dirqama saa akka hin shaakalle godhamuun irra hin jiru. Yoo kun tahe atommi keessaa waan jiraatuuf dhaabichi jabaa taha. Dhaabi jabaan tokkummaan addunyaatt bahe dubbachuu fi akka sagantaa dhaabatt kan fedheen walii tumsuu dandaha. Eenyutu ABO jabaa fedha?
Dhaabi dadhabaan saba ofiitii waan qaanii taha. Akka sabaa dhaalmaa Gadaa qabuutt Oromoon demokrasii akka akkaataa jireenyaa, ajaja irra, ilaa fi ilaameen dhimma itt bahamutt fudhata. Wal caalmaa, faanfana, leellifachummaa, moggeessa, sobaa fi loogiin demokraasii keessatt bakka hin qabani. Demokraasiin sirna miira abba abbaa caalaa seerri Olaanaa itt tahe. Hogganootii fi miseensonni yeroo hundaa, dhuunis qondaalamanis seexaa demokraasii Gadaa calaqisuu qabu. Fiixaan baha kaayyoo sabichaaf of kennaa fi dudhama agarsiisuu qabu. Dhaaba sabaawaa fi dhaadannoon saa “Fedhii sabaa haa dursu” kan jedhu tahuu qaba.
Sirni demokraasii addunyaa beekaman dura kan rimsammi “mootummaa ummataa” irraa madde dhiirota walqxootaa fi birmaduufii. Dubartii, garbootaa fi halagaa hin dabalatu ture. Jaarroleef akkasumatt jiraate. Irbi dubaroof ammayyuu gumeessawaa hin taane. Fakmishoon demokraasii mudaa hin qabnee kan namooti atoomaan walii fi naannaa uumaa waliin firii bilisummaan basha’anii jiraatan ammallee hin jiru. Firoomsaan kan itt gaalchan akka jara Lixaa faa jiru. Ilaalchi dubartiif jiru hin jijjiiramu taanaan akka kaan cite harka tokko qofaan hojjechuu taha. Dubaroon miseensota hawaasa ilmoo namaa keessaa hedduu barbaachisoo fi homishaawummaa fi waa maddisiisuuf dhiiraa gad hin taanee. Mirga walqxxummaa isaan dhowwachuun waan ilmaan namaa godhan keessaa kan maljecha hin qabne.
Sirni gadaa firomsaan kanneen moggeeffamaniif dubartoota dabalatee dhimmama agarsiisuutt kan ittiin dorgomu hin jiru taha. Dhugaan kun argaa dhageett addunyaan bira dabamuun seenaa demokraasii haanquu godha. Oromoon hirmaata isaan hawaasaaf akka namdiidaa fi buubaatt ilaalan keesaatt bakka itt sutan dhabu. Akka daallota tokko tokkoo qarooma hin qaban jechuufis garaa saaniitt qaroommi Oromoo kan isaaniin duraa tahuu waan beekaniinf ni qaqana’uu. Gadaan akaakuu demokraasii Oromoo bara hin qaabatamnee kaasee jiru.
Hawaasi Oromoo gogeessa Gadaa fi tiibbee shanitt hirama. Tokko tokkoon nambbiyyaa, Gadaa adda addaa, abbaan saa keessa turett miseensa. Gadaa shanantu abbaawummaa daarabeen biyya bulchuu fudhata. Gadaan tokko waggaa saddeet qofaaf aboo qabata. Hiriyaan Gadaa, ijoollummaa kaasee hanga Raabaa Doorii, sadakaa Gadaa yk gogeessa Lubaa tahitaa irra jiru irraa hamma ballii fudhachuu dandahuutt of qopheessaa deema. Kanaaf Gadaan tokko carraa angoo irra guyyaa tokkoo utuu sirnicha hin jeeqin dabarsee turuu hin qabu. Hooggana ofii filachuun dirqama fi abbaawummaa tokko tokkoon Gadaati.
Dhiirii hawaasa Oromoo keessa jiru hundi murnoota hiriyaa ganna saddeetiin gargar tahanitt hiramu. Tokko tokkoon murna hiriyaa qooda hawaasoma, diinagdee fi malbulchaa walirraa jalaan waggaa sadeet saddeetiif kan taphatu qaba. Hooggansaaf qopheessuun xinnummaan jalqabee hanga abbaawummaa malbulchaa fudhatanitt gaggeefffama. Akkasitt miseensoti hawaasaa dhiira tahan dhimma biyya saanii keessatt dhalootaa hanga du’aatt qooda fudhatu. Sana kan demokraasii Gadaa jennu. Hiriyaa waggaa saddeetii ol jiran qoodi kennamuuf gaheessota gargaaruu, akka dooyyaati tajaajilu, leenjisa lolataa fi lola irratt hirmaachuu fi bulchaa fi gaggeessa qajeeltuuti. Barumsi unkeffamanii fi hin uunkeffamin barbaachisoo tahan waggaa hundatt kennama. Kanaaf gaheessi Oromoo tokko beekumsa hawaasaa gara hundaa fi dirqamati hafee hin qabu. Amma barumsi waliigalaa unkefamaa haa tahu hin unkeffamin waan hafeef kanneen dhaabota barumsaa amayyaa argatanitt dhimma bahuun dirqii dha. Jarri durii beekota guddaa raagaanitt dhimma bahu turan. Si’ana haa yaratan malee qarooti Oromo yoo hammataman hedduu gargaaruu dandahu.
Sirna Gadaa keessatt bulchi dirqama dhiiraa haa tahu malee dubaroon mirga seeraaf hoodaa qabu turan. Demokraasii Gadaa keessatt qooda kana kan agarsiisuu dhaaba Siiqqeeti. Kan isaan malee hin taane hoodi malbulchaa fi hawaasomaa jiru turani. Siiqeen ulee ulfoo, mallattoo aangoo dubaroo kan isaan xaxaa hawaasomaa keessa bahanii mirga namoomaa saanii ittiin kabachiifatanii. Barri durii hafee si’anallee addunyaa Lixaa keessatt dubaroo kan mirga irbaa argatan firoomsatt dhihoo dha. STn” Konveenshina faanfana dubartii irratt tolfaman akaakuu kamiiyyuu balleessuu” kan tume 1979 keessa. Haralleen mirgooti kun kan guutummaatt yk dhowwa waliinbeekaman hundaan mitii. Sanneeniin yoo walitt ilaalaman dubaroon Oromoo durii humna Siiqee waliin isaan caalaa wayyaa turani.
Moo’umsaaf, seera tumoo fi hojii raawwachiiftuun filaman turani. Hojiin saanii Gaddisa jalatt gaggeessa qajeeltuus ni laala. Yoomalee akka kan jara lixaa bulchi qajeeltuu addatt ifaan hin dhaabbanne tahe kan itt yaadamee fi loogi hin qabne ture. Dhaabi dhalmaan darbu Qaallus, hawaasa keessatt bakka furtuu qaba ture. Jarri jalqabaa lamaan kennataan hiriyaa Lubaan guutamu. Qajeeltuun dhaloota Gadaa tokko qofatt utuu hin dhiifamin hayyootii fi jaroleen qooda fudhatu turani. Tokko tokkoon miseensa hawaasaaf seera, dambilee fi qajeelfamaan finnaatt buluun dirqii ture. Oromoon seera safuu qaba ture. Seera safuu cabsuun Oromummaa haaluutt lakaawama. Sababa maqaa murna tokko yk nama tokko utubuun dudhaa Oromoo gaarii tahe kan xureessuun maqaan gootota Oromoo bebbeekamoon illee utuu hin hafin balleessuutt namooti yartuun bobbahan jiru. Namooti yk murnooti isaaniif jedhamee, gatata hawaasaan seerri safuu Oromoo cabe yoo ofii danboobinatt ni amanu tahe ifaan gocha akkasii irraa of fageessuuf dirqama qabu. Gadaa keessatt abba tokkee haa tahu murni seera ol tahe hin jiru. Seera cabsuun keessaayuu qondaalota olhaanoon taanaan buqqifamuutt geessuu dandaha. Sun fala abboolii Oromoo ture. Kanaaf demookraasiitt riqachuu fi seera safuu kabajuu fi kabachiisuun mallattoo Oromummaatii.
Oromoon aadaa malbulchaa bareedaa akkasii dhabee darara bulcha kolonii halagaa jala jaarraa oliif akka jiraatu dirqisiifame. Kanneen sammuun saanii bilisoome olhaantummaa halagaa diduun wal ijaaranii sochii jalqaban.Garuu fakmishoon jalatt guddatan ammayyuu kanneen yaacccessuun jiru. Akeeka demokraatawaa Gadaatt garagaluu irra gooftolii saanii koloneeffatoo akkeesuutu itt salphataa. Kanaaf kaayyoo sabaa irratt hundi waliigaluu dandahuun ni hubama. Sana waan taheef xurree walabummaa fi qabsicha gara mirga abba tokkeett gadi buusuu gidduutt yoo daddaaqan argamu. Sana jechuun fedha diinaa afarsuun mirgi ummataa akka mirga murnootaa waldaa, garee taphaa kkf hin caallett fudhachuu jechuuf dha. Diinni kan kana hololu kolonummaa dhabsiisuun mormuu fi mirga walaboma Oromiyaa fi Ummata kibbaa fi Nayiloototaan mormuufii.
Oromoon kan hiraarfamaa jiran akka abba tokkee qofatt utuu hin tahin akka murnaatt Oromoo tahuu qofas ni dabalata. Kanaafi Oromoon mirga lachanuu roga saanii sirrii keessa galchanii kan ilaalan. Migi lachan, kanneen abba tokkee fi ummataa, mirgoota ilmoo namaa gargar bahuu hin qabne. Yoo tokko haalame kaan fiixaan bahuu hin dandahu. Mirgi sabummaa Oromoo kan haalamaa jiruuf akka Itophiyaa irraa eenyummaa adda tahe qaban fudhachuu diduufii. Akka Oromoon afaan, aadaa fi seenaa addaa qabu haaluun eenyuufuu rakkisaa dha. Kanaaf, humna abidaa caalaa qabaachuun, eenyuufuu mirgaa isa kaanii haqanii kan ofii itt maxansuu akka hin dandahamne qayyabatamuu qaba. Eenyummaan Oromoo haala hamaa jalatt jaarraa tokko caalaaf baraarameera, bara caalaa hedduufis baraarmuuf deema.
Mirgi ummataa, mirgi abba abbaa, demokraasii fi hiree ofii ofiin murteeffachuu iyyannaa koloneeffamoo qofa utuu hin tahin gumeessawaan beekameera (Chartara ST 26 Waxabajjii 1945) aangoo 1.2.) Kan itt hanan laali:
  1. Ummata gadi qaba halagaa jalatt qabuun dhuunfatamuu fi bolqamuun mirga bu’uuraa ilmoo namaa haaluu of keessaa qaba, kanaaf faallaa Chartara Saboota Tokkomanii (ST) fi nagaa fi gamtaa baballisuuf gufuu dha
  2. Ummatooti hundi mirga hiree ofii murteeffachuu qabu; mirgicha irraa kan ka’ee haala malbulcha saanii bilisummaan murteefatu, bilisummaanis misa diinagdee hawaasomaa fi aadaa hordofatu (UN Resolution 1514 (XV) 14 Mudde 1960, (aangoo 1.1, The International Covenant on Civil and Political Rights, 1966)
Walgahiin idilee seerawummaa qabsoo ummataa kolonummaa fi hacuuchaa halagaa jala jiranii gad jabeessaa mirga hiree murteefannaa akka qaban qabaachuu beekuun waan dandahan hundaan mirga kana deeffachuu qabu jedhe (UN Resolution 2649, 30 November 1970)
Walgahiin idilee keessa deebi’ee mirkaneessun hubatamuu mirga gumeessawaa ummatoota hundaa, kan kolonii, hacuuccaa halagaa fi alaa jala, hamma mirga hiree murteeffannaatt jiran iggitii dhimma baasu fi kabajama mirgoota ilmoo namaa baballisuun mirgoota akkasiif haala bu’uuraa barbaachisoo dha. (UN Resolution 43/105 Mudde 8, 1988)
Chartera ST mallatteessanuu Habashaan mirga cunqurfamootaa koloneeffamoo heera saanii aangoo 39 beekuuf jaarraa walakkaa caalaa itt fudhate. Sanayyuu kan godhan itt amananii utuu hin tahin aarii Oromoo jaarraa tokkoo ol duuba hirkattummaa irraa ofiin bulummaaf dhihaate qabbaneessuufii. Sanaaf malee bilisummaa fi demokraasii ummata ofiifuu shakalanii hin beekanii. Harrallee Tigraay Tigrinyii fi amaarii akkasuma isaan tolchu. Waan firooti saanii jedhan” kan qooxiin buusa jettee kan ukoo see gate” iratt yoo xiyyeeffatan isaanii wayyaa. Gurguddoon Habashaa akka itt empayericha bulchaniif yaadaa adda addaa qabu. Waabarii lamaan kan Wayyaanee fi kan kanneen Wayyaaneen dirree diliitt injifateetii. Wayyaaneen faallaa harcaatuu Nafxanyaa dabsatamtee fi hogganaa Eertiraa, Itophiyaa fi gabbaaroti see addaan jiroo tahuu saanii fi mirga hiree ofii ofiin murteeffanaa qaabaachuu saanii beeksisuu filatte. Hoodi Empayera kolonii saanii raawwataa akka jiru hin qayyabatan. Sii’achi tarii Habashaa Itopiyaa keessa deebi’anii gurmeeffachuun akka ollaa gaariitt Oromiyaa fi kolonoota biraa waliin dhofsisaaf dhihatu taha. Yoo Waaq jedhe, sun utuu kootammi waliin dhooftuu hundi hin sokkin, sadarkaa dhumaa Koloneeffannaa Habashaa taha.
Sirni gadaa dimokraasota qaraa addunyaa keessatt argama. Demokraasiin dhugaa, akka abjuu dhugoomuuf rakkisaa taheetii. Demokraasiin Oromoo kan halle haammataa tahellee mudaa hin qabnee hin turre. Ilmaan nama hundi walqixxee dhalatanii. Garaa garummaan dhaloota duuba, akka miiraa, gitaa, barumsaa, taahitaa, ogummaa fi dandeettiin biraa eenyuunuu caalmaan qaba hin jechisiisuu. Kanaaf demokraasiin mala jireenyaa hundi walqixxeett ilaalamu. Seeraan bulmaata fudhachuutu, ofaangessaa, bulchiyaroo fi halletoo’ataa waliin demokraatota adda godha. Addi bilisummaa Oromoo dhugaa, bakka eegaleen farra demokraasii itt hanqaaqamtu hin tahu. Garuu, alii al dadhabina ilmaan namaan gufannaan jiraachuu dandaha; yoo sun tahe hudhaatt kutamu qaba. Kan qabsicha injifannoon gahuu fi kalchaa amanamaa uumuun dandahamu, tokkummaa ummatichaa fi jaarmaa jabaan yoo jiraatan qofa. Qoodaa hoodaa qaban caalaa, dubaroon Oromoo mirga demokraasii guutuuf falmachuu qabu. Dubaroo fi dhiiroti Oromoo waliin fuuncaa kolonummaa ofiraa darbatanii, Republikii Ummataa Oromiyaa gad dhaabuun, bara hedduu dura yaa’a demokraasii Gadaa karaatt diinaan hankaakfameammayyeessanii xumura itt tolchu. Dargaggoon Oromoo warraaqsa Oromoo angafoota saaniin jalqabame irraa hin dheessanii. Oromiyaa walabi ni dhugoomti! Demokraasiin Gadaa ni dandamata! eegaleen duubatt harkiftuu qabsoo Oromoo keessaa haa gombifamtu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu
Ibsaa Guutama
Sadasa 2015

No comments:

Post a Comment