____
Walgayiin ummataa Kongreseii Federaalawaa Oromootiin Finfinneetti har’a (Dilbata, 18/10/15) geggeeffamee ture ejjennoo qabxii 9 qabu irratti waliigaleetee uummachuun xumurameera. Ejjennoon qabxii 9 qabu sun ibsa KFOn baasuun ummatatti beeksifama. Walgayichi maqaa Maastar Pilaan jedhuun karoorri mootummaan Itoophiyaa Finfinnee fi Godiina Addaa Oromiyaa keessatti hojiirra oolchuuf qophaawaa jiru karoora saamicha lafaa akka ta’e hubachiisee hatattamaan akka dhaabu
gaafateera. Ummatis mormii isaa akka itti fufu dhaamsa dabarseera.
No comments:
Post a Comment