Konkolaataa ORAL Tokkos ZU. Baadhatee Deemu Waliin Daaresse. Loltootni 9s Tarkaanfii Ummataan Hojii Ala Taasifaman.
Tarkaanfii irratti fudhatametti kan aaran loltootni wayyaanee osoo quba qabdanii nutti gabaasuu diddan jechuun namoota nagaa hedduu naannoo tarkaanfiin irratti fudhatametti argaman hidhaa fi hiraarsuu irratti akka argamanis hubachuun danda’ameera.
Oduu gama biraan Hagayya 21,2015 Dhiha Harargee Odaa Bultum keessatti waraana wayyaanee fi ummata gidduutti walitti bu’iinsi akka uumame oduun walqabatee nu dhaqqabe ni hubachiisa.
Waraanni wayyaanee maqaa WBO sakatta’uun Odaa Bultum keessa bobbaafame ummata nagaan hojjetee jiraatuun WBOn eessa jira, baasaa, isintu qallaba, kan nu rukuchiisus isini ittiin jechuun hiraarsuutti waan bobba’eef ummatni tarkaanfii of ittisuu fudhateen loltoota wayyaanee 4 mancaan akka ciccire oduun SBO dhaqqabe ifa godhee jira. Sababa kanaan abbaa araddaa naannootti argamu dabalatee namootni baay’een hidhamanii jiran.
Walitti bu’iinsi waraana wayyaanee fi ummata gidduutti geggeeffamu kun itti fufuun Hagayya 23,2015ttis Dhiha Harargee Ona Doobbaa Araddaa Madda Xaliilaa jedhamu keessatti humna diinaa dirqama ummata gooluu fudhatee bobba’ee fi ummata gidduutti lolli kan geggeeffame oggaa ta’u, tarkaanfii of ittisuu ummatni fudhateen loltootni wayyaanee 4 oggaa ajjeefaman 1 madeeffamuu oduun arganne ni hubachiisa.
Yeroo ammaa kana kan duraanii caalaatti hammeenyii fi dararaan mootummaan wayyaanee ummata irraan gahu hammaachaa dhufuu irraa bakka hundatti waldiddaan diinaa fi ummata gidduu hidda jabeeffachaa waan dhufeef, ummatni walgurmeessee diinaan loluuf haga bosona seenee WBO cina hiriiruutti akka deemaa jiru oduun Godina Baha Oromiyaa irraa SBO dhaqqabe addeessee jira.
No comments:
Post a Comment