Waxabajjii 24,2014 Magaalaa Caancoo

Diddaa uummataa kana dura dhaabbachuuf yeroo hedduu maqaa wal gahii jedhuun uummataa fi hojjattootta mootummaa yaamuun sossobuuf yaalaa kan turte yoo tahu walgahii isheen yaamte irratti hojjattoonni dhalootaan Oromoo tahanii fi uummanni magaalaa Caancoo diddaa jabaa waan dhageessisaniif diddaa kana dura dhaabbachuu hin dndeenye. Kana waan taheef ammas diddaa uummataa kana dhaamsuuf dabballootuma waliin saamicha gaggeessaa turan yeroodhaaf jettee mana hidhaa aanaa Sulultaa magaala Caancootti guuraa jirti.

Haaluma kanaan fakkeessidhaaf lafa saamtanii jirtu sababa jedhuu dabballootuma idhee itti gaafatamaa investment kan tahe nama Salamoon Debebe jedhamuu fi mahandisoota magaala Caancoo nama sadi yeroodhaaf sagalee fi didaa uummataa dhaamsuuf jettee mana hidhaatti kan darbatte.
No comments:
Post a Comment