Fulbaana 21,2014 Dambi Doolloo
Kun hunduu mootummaa Wayyaane hedduu mufachiisee jira, uummata oromoo jiraattoota aanaa Anfilloo irraa abdii dhabeera,miseensota dhaabaa jedhaman irraas abdii kutatee jira. Akka gabaasni Qeerroo har’a Fulbaana 21 addeessutti halkan edaa irraa kaasee ganda Kollii, Garjeedaa, Shebel, Waabaa Eebbaa fi Dalla Shoor jedhaman irraan humni waraana wayyaanee qubachiifamee jira.
Uummanni oromoo Anfilloo irra jiraatu WBO wajjin walii galee jira, hojjetaan mootummaa jedhamee waamamus ABOdha, kan jedhuun humna WBOtu jira kan jedhu qofa osoo hin taanee uummata Oromoo naannoo sanii waan shakkeef mootummaan Wayyaanee humna waraana isaa federaala irraa gara sanatti ergee daangaa daangaa bosonaa qabsiisaa jiraachuu gabaasni nu gahe addeessa.
Kana malees loltooti Wayyaanees ta’e bulchitooti aanaalee jiraattota Oromoo Anfilloo toohachu hin dandeenye, hojjetoonni mootummaa aanaa kana irra jiran siyaasa ABO barsiisu malee siyaasa mootummaan durfamani hin jirani, qoratamuu qabu jedhamee mootummaan wayyaanee murtooo keessa seenee jira,akkasuma poolisoota oromiyaa naannoo san jiran irraas shakkiin guutamee jira, toohannaa uummata oromoo naannoo sanaa fi hordoffii ykn sakatta’iinsa humna waraana WBOtiinis wal qabsiisee Fulbaana 19 irraa kaasee akka walii galaatti Wallagga Anfilloo qubachiisaa akka jiru gabaasni Qeerroo Dambi Dolloo irraa addeessa.
No comments:
Post a Comment