Godina Jimmaatti : Godina Jimmaatti Miseensotni Maadhee, fi Qeerroo sabboontootni Oromoo walitti dhufuun jalbultii Amajjii tokko guyyaa WBO irra egaluun kabajachuu egalan. Miseensotni maadhee garaagaraa walitti dhufuuf marii haala qabsoo bilisummaa Oromoo irratti qabsoo Oromoof furmanni guddaan Oromoon gamtaan qabsootti cimuu, mooraa qabsoo ijaaruu, dhaaba tokkicha ABO jalatti hiriiruun jajjabeessuu bilisummaa saba keenyaaf qabsoo wareegama gootota ilmaan Oromoon as ga’ee galmaan ga’uuf yoom iyyuu caalaa cimnee ni hojjenna jechuun waadaa qabsoo bilisummaaf qaban haaroomsan.
Yuunivarsiitii Jimmaatti: Hoggantootni Qeerroo, miseensotni qeerroon dargaggoonni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa , sabboontotni samarraan baratootni Oromoo,sabboototni barsiiftotni Oromoo akkuma torbee tokkootti jalbultii baraa haarawaa fi Amajjii Tokkoo Guyyaa WBO kabajuu eegalaan; akkuma walitti dhiyaatanitti Amajjii tokkoo Guyyaa WBO fi bara haarawaa 2014 ykn akka lakkofsa gadaatti 6408 yeroo kabajatan haala yeroo ammaa qabsoon bilisummaa Oromoo irraa jiru irratti marii bal’aa erga godhanii booda; bilisummaa keenyaa gonfachuun dandeettii qabnu, qabeenyaa qabnu, human qabnu fi uummataa keenyaa ijarrachuun qabsoo jabeessuun itti fufuutu furmata jechuun waadaa isanii haaromsan.
No comments:
Post a Comment